Finfinnee, Qaammee 2, 2018(FMC)- Magaalaa Finfinneetti guyyaa Olka’iinsaa sababeeffachuun tajaajilli geejjibaa bilisaa kennamaa jira.
Guyyaa olka’iinsaa sababeeffachuun jiraattota magaalichaaf ganama barii sa’aatii 12:00 irraa eegalee tajaajilli geejjibaa bilisaa kennamaa jiraachuun ibsameera.
Tajaajila geejjibaa bilisaa guyyaa walakkaaf turu Kanaan konkolaattonni elektirikaa, Awutoobisoonni magaalaafi Baaburri hirmaachaa jiraachuun eerameera.
Tajaajila geejjibaa bilisaa Kanaan jiraattonni magaalichaa miiliyoonni 1 fi kumni 100 fayyadamoo akka ta’an Hogganaa Ittaanaan Biiroo Geejjibaa magaalichaa obbo Daanyaachoo Shifarraaw ibsaniiru.
Dameewwan agarsiistuu Olka’iinsa magaalaa Finfinnee keessaa dameen geejjibaa tokko ta’uu kaasuun, konkolaattota elektirikaa ammayyummaa magaalattii madaalan babal’isuun damicha olkaasuun danda’ameera jedhan.
Bu’uuraalee misoomaa mijatoo ta’an babal’isuun fi tajaajilli ammayyaas damicharratti fooyya’iinsa agarsiisuu ibsuusaanii ragaan Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia