Finfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC) – Ulaan Galaanaa Itiyoophiyaaf madda guddina diinagdee, wabii nageenyaa, humna dippiloomaasii fi bu’uura biyya cimtuu ijaaruuti.
Ulaa galaanaa Itiyoophiyaa mirkaneessuun dhimma yeroo gabaabaa qofa osoo hin taane, faayidaa biyyaalessaa, birmadummaa diinagdee fi carraa dhaloota dhufuuti.
Itiyoophiyaan biyya bishaaniin marfamte taatus, guddina diinagdee ishee itti fufsiisuuf, daldala idil-addunyaa cimsuuf, baasii geejjibaa hir’isuuf fi walitti hidhamiinsa diinagdee naannichaa guddisuuf ulaa galaanaa amansiisaa fi waaraa qabaachuun dhimma murteessaadha.
Kanaaf, Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa mirkaneessuun faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi birmadummaa diinagdee mirkaneessuudha.
Dhimmi ulaa galaanaa mootummaa yeroo ammaa kana biyya bulchaa jiruuf qofa osoo hintaane, qaama fuuldurattillee biyya kana bulchuuf fedhii qabu hundaaf dhimma ajandaa ijoo ta’uu qabuudha.
Itiyoophiyaan qabeenya guddaa shiraan dhabde kana deebifachuuf hariiroon biyyoota ollaa waliin qabdu osoo hinjeeqamiin, bifa mariifi faayidaa waloo mirkaneessuu danda’u hojiirra oolchuun filannoo jalqabaa taasiftee hojjetaa jirti.
Lammiileen Itiyoophiyaa hundi milkaa’ina hojii kanaatiif gahee isaanirraa eegamu bahachuun qabu.
Mirga fayyadamummaa ulaa galaanaa mirkaneessuunis, qaama daandii gootummaa dhaloota ammaa kanaa ta’a.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii Hoggantootaa BRICS 18ffaa Hindi Niwu Deeliitti gaggaaffame irratti haasawa taasisaniin, Itiyoophiyaa biyya diinagdee guddaafi baay’ina uummataa hedduu qabduuf ulaan galaanaafi sararoonni daldalaa idil-addunyaa amansiisaa ta’an ni barbaachisu jedhan.
Ulaan galaanaa diinagdee Itiyoophiyaaf baay’ee akka barbaachisu kaasanii, dhimma dursi kennamuuf ta’uus ibsaniiru.
Itiyoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa ishee mariifi karaa naga qabeessaan milkeessuuf hojjechaa akka jirtu eeranii, gaaffiin ishee fayyadamummaafi guddina waloo irratti kan hundaa’e ta’uus kaasan.
Dhiibbaan BRICS dabaluu kan danda’u dhimmoota murteessaa ta’an irratti murtoo kennuu yoo danda’e; guddinaafi carraa egeree biyyoota miseensotaaf deeggarsa gochuu akka qabu hubachiisan.
Ulaa Galaanaa argachuun, badhaadhina hundagaleessa fi birmadummaa biyyaaleessa mirkaneessuun hojiilee Ijoo Itiyoophiyaan xiyyeeffannoo addaan irratti hojjetaa jirtu.
#Oromia #Ethiopia