Gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’ootaa Irtraa Ministira Muummee dooktar Abiy Ahimadiif dhiyaatan keessaa muraasa:-

Waliigalteen Piriitooriyaa hojiirra oolee uummanni Tigiraay akka hinboqonneef akkuma bare dibbee waraanaa tumaa kan jiru garee dulloomaa ABUT duraanii irratti mootummaan tarkaanfii sirreessaa fudhachuu maaliif hindandeenye?
Yeroo mootummaan misooma koriidariin biyya misoomsaa jiru kanatti, dameewwan dhuunfaafi qooda fudhattoota biroo hirmaachisuun rakkoo mana jireenyaa furuuf mootummaan karoora tarsiimawaa fi imaammata maalii hojiirra oolchuuf yaadee jira?
Yeroo jireenyi qaala’ee jiru kanatti hojjetaan mootummaa jiraachuu danda’aa hin jiru. Gibira irraa jalqabee sooramaa fi karaalee adda addaan mindaa isaa irraa hir’ifamee kan harkatti haftuun jiraachuu danda’aa waan hinjirreef, kana furuuf maaltu yaadamee jira?
Boba’aa mootummaan deggersaan galchu sababa daldaltoota seer maleeyyii fi waliin dha’uu adda addaan qisaasamee, hanqinni akka uumamu hojjetamaa jira waan ta’eef kana furuuf mootummaan tarkaanfii maaliif hin fudhanne?
Amantii sababa godhachuun qaamoleen dhaabbilee amantiin alatti socho’an dhaabbilee amantaa gidduuttii fi abbootii amantaa irratti rakkoo uumuuf warra yaalan irratti tarkaanfiin sirreessaa fudhatamuuf yaadame maaltu jira?
Yeroo mootummaan barnoota babal’isuuf hojjechaa jiru kanatti firiin qormaata kutaa 12ffaa fi ba’iinsa yuuniivarsiitii gadi bu’uun dargaggoota abdii kutachiisaa waan jiruuf, dargaggoota humna misoomaa ta’anis alatti akka hafan ta’aa waan jiruuf mootummaan kana sirreessuuf tarkaanfii tarsiimawaan fudhachuuf yaade maaltu jira?
Bajeetni gudaan bara baajetaa 2019’f ramadame qisaasama malee hojiirra akka ooluuf mootummaan to’annoo fi hordoffii maalii diriirsee jira?
Guddinni galamaa’e jireenya uummataa jijjiruu irratti ammas qaawwi ni mul’ata. Qaala’iinsi jireenyaa, haalli boba’aa, hoji dhabdummaa fi kkf rakkoo kana hammeessaa jiran furuuf mootummaan tarsiimoo maalii diriirsee jira?
Mootummaan aangoo qabachuuf jiru imaanaa fi ittigaafatama guddaa uummanni itti kenne ba’achuuf qophii maalii gochuu qaba?
Aanga’oota hojii mootummaan hojjete malaammaltummaa fi matta’aan gurraachessuufi uummata mufachiisuufi guumgumsiisuuf hojjetaa jiran irratti tarkaanfiin fudhachuuf yaadame maaltu jira?
Comments (0)
Add Comment