Galmoota qabsoo Oromoo keessaa ijoon ummata dinagdeen aangoome ijaaruudha – Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Galmoota qabsoo Oromoo keessaa ijoon ummata dinagdeen aangoome, omishaan ofdanda’eefi badhaadhina irraa qooda argatu ijaaruudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan Invastimantii naannichaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Dilbiirraa gara Dandeettii qabatamaatti, Ce’umsa Invastimantii Oromiyaa

Galmoota qabsoo Oromoo keessaa inni ijoon ummata dinagdeen aangoome, omishaan ofdanda’eefi badhaadhina irraa qooda argatu ijaaruudha.

Oromiyaan qabeenya uumamaa hedduu qabdi. Lafni lalisaa, bishaan irraafi jalaa, qabeenya beeyladaa, albuudota garaagaraa, argama teessuma lafaa tarsiima’aafi humna dargaggootaa Afrikaa isa guddaa keessaa tokko qabdi. Haata’u malee adeemsi seenaa keenyaa gaaffii bu’uuraa tokko nudura dhaaba; innis “iddoo qabeenyi kun marti jirutti, badhaadhinni ummata keenyaa maaliif sadarkaa barbaadamu osoo hingahin hafe?” kan jedhu.

Deebiin isaa qabeenya dhabuu kan jedhu akka hintaane ifa. Baroota hedduuf rakkoon keenya dilbii umamaa gara humna omishaatti, humna omishaa gara qabeenyaatti, qabeenya gara badhaadhina hawaasaatti jijjiiruuf dhaabbileefi sirna gahaa dhabuu ture.

Bu’uuruma kanaan, hoggansi jijjiiramaa naannoo keenyaa waggoota darban dilbii qabeenyaa haaraa barbaaduu osoo hintaane, qaawwa hanqina dhaabbileefi sirnaatiin umame kana guutuuf hoggansa dinagdee kennuu irratti akka xiyyeeffatu taasifameera. Bu’uuruma kanaan, dandeettii qabeenya jiru sochoosuu danda’u umuu irratti jijjiirama dhugoomsineerra. Kunis ce’umsa invastimantii Oromiyaatiif bu’uura ta’eera.

Ce’umsi kun gama isaatiin yaada salphaa tokko bu’uura taasifateera. Innis, dinagdee cimaan invastaroota alaa qofaan osoo hintaane humna invastimantii hawaasa keessaa uumuu, guddisuufi addunyaa waliin walitti hidhuun ijaarama kan jedhudha.

Yaada kana hordofuun, humnoota invastimantii sadi irratti yeroo walfakkaatuun hojjechaa jirra.

𝗧𝗼𝗸𝗸𝗼𝗳𝗳𝗮𝗮: 𝗜𝗻𝘃𝗮𝘀𝘁𝗮𝗿𝗼𝗼𝘁𝗮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐨𝐨 𝗨𝘂𝗺𝘂𝘂
Tarsiimoon keenya inni jalqabaa invastaroota eegguu osoo hintaane invastaroota uumuudha.

Baroota dheeraaf qoteefi horsiisee bultoonni keenya omishtoota malee kaappitaalistoota hinturre. Dargaggoonni keenya humna hojii turan malee abbootii invastimantii hinturre. Riifoormiin keenya ammoo namoota hojii barbaadan qofa osoo hintaane namoota hojii uumuu danda’an uumuu kaayyeeffate. Akka qusatan, tajaajila faayinaansii akka argatan, lafa invastimantiif akka fayyadaman, akkasumas iyyannoo irraa eegalee hanga hojii invastimantii isaanii gaggeessanitti deeggarsa ogummaa akka argatan taasisaa jirra.

Haaluma walfakkaatuun, dargaggootaafi dubartoota intarpiraayiziin (IMX) gurmeessuun, iddoo hojii, liqiifi liizii meeshaalee kaappitaalaa mijeessuun, leenjii ogummaafi dhaweessummaa kennuun, akkasumas deeggarsa hidhamiinsa gabaa taasisuun qooda fudhattummaa dinagdee irraa gara invastarootaatti ceesisaa jirra.

Sochii kanaan bu’aa qabatamaa argaa jirra. Waggoota torban darban, qoteefi horsiisee bultoota kuma 27 ol, intarpiraayizoota 2,300 ol, waldaalee hojii gamtaa 420 ol gara invastimantiitti ceesisuu dandeenyerra. Jijjiiramni akka kanaa hiika invastimantii babaldhisuudhaa ol ta’e qaba. Gama tokkoon, humna keessoo horachaa jirra. Armaan dura tuffatamaa turus, hawaasni keenya madda invastarootaa ta’aa jira. Gama birootiin imalli dimokiraatawummaa carraa dinagdee eegaleera. Karaan gara galmoota qabsoo dinagdee Oromoo geessus kanuma.

𝗟𝗮𝗺𝗺𝗮𝗳𝗳𝗮𝗮: 𝗜𝗻𝘃𝗮𝘀𝘁𝗮𝗿𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗚𝘂𝗱𝗱𝗶𝘀𝘂𝘂
Invastara uumuu qofti gahaa miti. Inni umame akka guddataa deemu, duursee invastimantii irratti kan bobba’e hojii isaa baldhifataa akka deemu, kanaaniis omishti, carraan hojii, al-ergiifi sharafni alaa akka guddachuu danda’u taasisuun murteessaadha.

Kanaaf invastaroota yeroo muraasa keessatti qabeenya horachuu jalqaban, dhaabbilee omishaatti ce’aa jiran, akkasumas hojii isaanii babal’ifachuuf qophaa’an irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra.

Invastaroota guddisuu jechuun dhaabbilee hojii jalqaban qofa deeggaruu miti. Inni xixiqqaan gara giddugaleessaatti, inni giddugaleessaa gara guddaatti akka ce’u taasisuudha. Sababni isaas hojii uumuu, al-ergii dabaluun, teknoolojii fudhachuunifi sharafa alaa maddisiisuun yeroo baayyee dhaabbilee guddachaa jiran irraa maddu. Kanaaf xiyyeeffannoon keenya invastara haaraa galmeessuu qofa osoo hintaane, invastara jiru akka guddatu dandeessisuudha.

Dinagdee jabaan dhaabbilee gurguddoo muraasa qofaan hinijaaramu. Lakkoofsa invastaroota giddugaleessaafi xixiqqoo guddachaa deeman baldhisuun murteessadha.

𝗦𝗮𝗱𝗮𝗳𝗳𝗮𝗮: 𝗜𝗻𝘃𝗮𝘀𝘁𝗶𝗺𝗮𝗻𝘁𝗶𝗶 𝗔𝗹𝗮𝗮 (𝐅𝐃𝐈) 𝗛𝗮𝘄𝘄𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂
Humna keenya keessaa ijaaruun bu’uura ce’umsa dinagdee ta’us, sirna dinagdee addunyaa irraa adda baanee misooma fulla’aa dhugoomsuu hindandeenyu. Bu’uuruma kanaan, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa invastimantii alaa harka diriirsee simataa jira. Kanaaniis, kaappitaala, teknoolojii, beekumsa bulchiinsaa, gabaafi muuxannoo idil-addunyaa gara Oromiyaatti fiduuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Har’a Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa keessatti qofa invastimantoonni alaa hedduun galmaa’aa jiru. Kunis Oromiyaan lafa dilbii qabeenyaa qofa osoo hintaane, giddugala kaappitaalli amanee keessa qubatu ta’aa dhufuu agarsiisa.

Asirratti tarsiimoon keenya humna keessoofi humna alaa walcinaa adeemsisuun sirna invastimantii madaalawaafi waaraa ijaaruu ta’uu hubatamuu qaba.

𝗦𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗜𝗻𝘃𝗮𝘀𝘁𝗶𝗺𝗮𝗻𝘁𝗶𝗶 𝗔𝗺𝗮𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗜𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂
A. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑻𝒂𝒑𝒉𝒂𝒂 𝑱𝒊𝒋𝒋𝒊𝒊𝒓𝒆𝒓𝒓𝒂

Dilbiifi carraaleen waan jiraniif qofa invastimantiin hinlalisu. Invastimantiin amanamummaa sirnaa barbaada. Humnoonni invastimantii kunneen akka milkaa’an sirna invastimantii amanamaa ijaaruun murteessaadha. Bu’uuruma kanaan Duudhaalee Warraaqsa Dinagdee Oromoo keessaa tokko kan ta’e “seera taphichaa jijjiiruu” hojiirra oolchineerra.

Imaammata invastimantiifi sochii dinagdee waliigalaa haaraa qopheessineerra. Kanas, dhaabbilee hundeessuu akkasumas seerotaafi dambilee haaromsuun gara humna qabatamaatti jijjiirerra. Hundeeffama ‘Siinqee Group’, Labsii Bulchiinsa Invastimantii MNO Lak. 249/2015 akkasumas dambii hojiirra oolmaa isaa (Lak. 244/2016) akka fakkeenyaatti kaasuu dandeenya.

Pakeejii deeggarsaa hojjiirra olchineerra. Kanaafis Dambii Sirna Kenniinsa Jajjabeessituu Investimentii (lak. 249/2016) baafnee hojiirra oolchineerra. Dhaabbilee, labsiifi dambiiwwan kunniin liqii mijeessuu, deeggarsa ogummaa taasisuu, duursa kennuu, iddoo lafa/hojii mijeessuufi kkf raawwachuun qoteefi horsiisee bultoota akkasumas dargaggootafi dubartoota/intarpiraayizoota gara invastimantiitti ceesisuuf humna qabatamaa ta’aa jiru.

Jijjiiramni seeraa kun garuu hiika isaa kan argatu yeroo qotee bulaan qusannoo isaa invastimantiitti jijjiiru, yeroo dargaggeessi intarpiraayiziidhaan kaappitaala horatu, yeroo dubartoonni hojii xixiqqaa irraa gara dhaabbata omishaatti ce’an qofa. Kaayyoon keenya dhumaa seerota baay’isuu osoo hintaane, namoota baay’ee gara omishaatti, omisha irraa gara badhaadhinaatti ceesisuudha.

Hojimaata salphifneerra. Tajaajiloota dijitaalessineerra. Sirna Bulchiinsa Odeeffannoo Invastimantii diriirsineerra. Debii kennuu dhaabbileefi hoggansaa fooyyessineerra. Tajaajila invastarootaaf kennamu si’oomsineerra.

Riifoormii kanaan teknikaa qofa osoo hintaane jijjiirama yaadama bulchiinsaa dhugoomsineerra. Sirna dinagdee sochii to’atu irraa gara sirna dinagdee sochii deeggaru, jajjabeessufi dandeessisuutti ce’aa jirra.

B. 𝑩𝒖’𝒖𝒖𝒓𝒂 𝑰𝒏𝒗𝒂𝒔𝒕𝒊𝒎𝒂𝒏𝒕𝒊𝒊 𝑩𝒖’𝒖𝒖𝒓𝒆𝒔𝒔𝒖𝒖

Zoonii Dinagdee Addaa, Zoonii Daldala Bilisaa, Paarkiilee Indastirii Qonnaa Qindaa’aafi Giddugalawwan Ce’umsa Baadiyyaa hundeessineerra. Akkasumas ibsaa, daandii, bishaan, networkfi bu’uuraalee misooma invastimantii biroo irratti hojii baldhaa raawwanneerra. Inisheetivoota akkasumas pirojektoota bu’uuraalee misoomaafi leecalloo gurguddoo sochii dinagdee keessoo si’oomsan babaldhisneerra.

Sirnakkoo invastimantii magaalotaafi godinaalee fooyyessineerra. Ogummaafi dhaweessummaaf xiyyeeffannoo kennuun Ogeessota si’oomina invastimantiif barbaachisan qopheessaa jirra. Galteewwan omishaafi indastirii biyya keessatti akka qophaa’an deeggarsa roga maraa taasisaa jirra.

C. 𝑻𝒐𝒐𝒓𝒂𝒘𝒘𝒂𝒏 𝑿𝒊𝒚𝒚𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒏𝒏𝒐𝒐 𝑨𝒅𝒅𝒂 𝑩𝒂𝒂𝒔𝒖𝒖

Dilbiifi carraalee qaban hundatti hawwatamuun bu’a qabeessummaa haphisa. Invastimantii marti dhiibbaa uumuun walqixa miti. Kanaaf sektaroota ce’umsa caasawaa dinagdee dhugoomsuu danda’an irratti xiyyeeffanne.

Gama birootiin sektaroota carraa hojii uumuu, indastirii babaldhisuu, ummata baldhinaan hirmaachisuu, al-ergii dabaluu, teknoolojii dabarsuufi cancala sonaa uumuu danda’aniif duursa kennineera. Bu’uuruma kanaan, qonna, kurfeessa omishaalee qonnaa, indastirii maanufaakchariingii, turizimiifi keessummeessa (hospitality) akka toora xiyyeeffannoo invastimantii tarsiima’aatti filanneerra.

Kaayyoon keenya lakkoofsa invastimantii dabaluu osoo hintaane, invastimantii tarsiima’oo irratti xiyyeeffachuun ce’umsa caasawaa dinagdee dhugoomsuu, kanaaniis ummata dinagdeen aangome uumudha. Kanaaf, toorawwan kanniin irratti paakeejii deeggarsaa (dhiyeessii lafaa, onnachiiftuu gibiraafi algalchii meeshaalee kaappitaalaa akkasumas tajaajiloota garagaraa) garagaraa qopheessinee hojiirra oolchineerra. Ce’umsi invastimantiifi dinagdee waliigalaas akeekamaa jira.

𝐀𝐠𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐟𝐭𝐨𝐭𝐚 𝐉𝐢𝐣𝐣𝐢𝐢𝐫𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐚𝐚𝐬𝐚

Lakkoofsi invastimantii guddachuu qofti hiika hinqabu. Gaaffii ijoon invastimantiin akka yaadaatti galmaa’uu irraa gara hojii qabatamaatti ce’uu danda’eeraa kan jedhuudha. Sababni isaas, invastimantiin waraqaa irratti galmaa’uu qofaan hojii hinuumu; omisha hindabalu; galii hinmaddisiisu.

Deebiin gaaffii kanaa har’a ifa ta’aa jira. Bara 1985 hanga 2011’tti pirojektoonni invastimantii naannoo keenyaa 10,514 qofa turan. Har’a lakkoofsi kun kuma 43 ol gaheera. Haata’u malee, jijjiiramni guddaan kan muldhatu guddina lakkoofsaatiin qofa miti.

Riifoormii dura invastimantoota galmaa’an keessaa hojii qabatamaatti kan seenan %37 qofa turan. Har’a garuu ammantaan hojii keessa galuu isaanii %70 gaheera. Kunis Oromiyaan lafa invastimantiin itti galmaa’u qofa osoo hintaane lafa invastimantiin hojiitti itti hiikamu ta’aa dhufuu agarsiisa.

𝐆𝐮𝐝𝐮𝐮𝐧𝐟𝐚𝐚

Bara dheeraaf dilbii keenya lakkoofaa turre. Har’a garuu dilbii keenya sochoosaa jirra. Seenaa keenya keessatti yeroo jalqabaaf qabeenya qabnu qofaan osoo hintaane, dandeettii qabeenya sana gara omishaatti, omisha sana gara badhaadhinaatti jijjiiru ijaaraa jirra. Ce’umsi dhugaa kunis ce’umsa dilbii irraa gara dandeettii qabatamaatti taasifamaa jiruudha.

Badhaadhinni waan mootummaa irraa kennamu miti; ummata omishu irraa madda. Akka mootummaatti haala dandeessisoo dagaagina humna omishaa kana dhugoomsu mijeessuun dirqama

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment