Finfinnee, Fulbaana 1, 2019 (FMC) – Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuuf bara haaraa 2019 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Komishiniin Gamtaa Afrikaa Itiyoophiyaa waliin kan dhaabbatuu fi tumsa qabu caalmaatti kan cimsu ta’uu mirkaneessaniiru.
Akkasumas, Itiyoophiyaan tokkummaa Afrikaa, bilisummaa fi fedhiiwwan waloo Afrikaa milkeessuu keessatti gumaacha seenaa qabdu dinqisiifataniiru.
Barri haaraan Itiyoophiyaa 2019 kan nagaa, tokkummaa jaalalaa, gammachuu fi milkaa’inaa akka ta’u hawwaniiru.