Garee Seeraan Alaa ABUT jalaa Uummata Tigraay baraaruu Barbaachisa – Qondaaltota Waraanaa Ol’aanoo

Finfinnee, Adoolessa 30, 2018 (FMC) – Gareen seeraan alaa ABUT waliigaltee nagaa Piriitooriyaa cabsuu fi Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf humnoota alaa waliin tumsuun uummata Tigraay’n ammas gara waraanaatti galchuuf hojjechaa jira jedhan qondaaltonni waraanaa ol’aanoo duraanii.

Gareen seeraan alaa kun heera mootummaatiin alatti lolaaf waamicha gochuudhaan dargaggoota dirqamaan leenjisaa fi filaa jiraachuus saaxilaniiru.

Itamaajor Shuumiin WEaliigalaa duraanii Homna Waraanaa Jeneraal Saamoraa Yenuus, uummati Tigraay kana booda “waraanni na ga’eera” jechuu isaa cimsanii dubbataniiru.

Jeneraalonni naannichatti argaman tokko tokko humna qabaatanii osoo hin taane, hojiiwwan misoomaa gufachiisuu fi jeequmsa barataniin faayidaa dhuunfaa isaanii kabajchiisuuf olola waraanaa oofaa akkaa jiran EPDn gabaaseera.

Jeneraal Saamoraan, caasaa ‘Tsimdo’ jedhamee waamamu ilaalchisee yooibsan; kun ergama badii Ijiptiin dursamu fi Sha’ibiyaadhaan qindaa’e ta’uu addeessaniiru.

Sha’ibiyaan uummata Tigraayif fira dhugaa osoo ta’e, bakkeewwan humnaan qabate kanneen akka Zaalaambassaa fi Iroob gadi dhiisa tures jedhan.

Dhugaa kana osoo beeku gareen seeraan alaa kun Sha’ibiyaa waliin tumsa uumuun isaa doofummaa fi uummata sana balaa irra kan buusu ta’uu ibsaniiru.

Garaagarummaan siyaasaa kamiyyuu marteewwan furmaataa argachuu kan danda’an mareedhaan qofa ta’uu hubachiisaniiru.

Qondaaltichi Waraanaa Ol’aanaan duraanii Koloneel Gabrawaahid Haayiluu gama isaaniitiin; gareen kun gaaffii diimokiraasii fi haqaa uummataatiif dantaa akka hin qabne ibsaniiru.

Gareen seeraan alaa kun haguuggii “uummataafin dhaabbadha” jedhuun aangoosaa dheeressuu fi qabeenya kuufachuuf kan itti fayyadamu ta’uu dubbataniiru.

Ofittummaa garee kanaarraa kan ka’e, uummati Tigraay “ijoolleen keenya hafan ni dhumatu” sodaa jedhuun lubbuu fi jireenya gidduu akka jiraatu taasifamuus eeraniiru.

Qaamoleen aangoof of nyaachaa jiran kunniin dhabamsiifamanii naannichatti haqqiinii fi jijjiirama dhugaan mirkanaa’uu akka qabu akeekkachiisaniru.

Qondaaltonni waraanaa hangafootni lamaan, mootummaan federaalaa rakkoolee karaa nagaa fi tasgabbiin furuuf imalli obsaa gochaa jiru baay’ee murteessaa fi filatamaa ta’uu isaas jajaniiru.

Naannoo Tigraayitti garee seeraan alaa kanaan rakkoo fi sodaan waraanaa amma ni ga’aje dhamuu fi uummata Tigraay’n garee badii kana jalaa baraaruun akka barbaachisu waamicha dhiyeessaniiru.

Comments (0)
Add Comment