Gareen Atileetiksii Itiyoophiyaa, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti hirmaate Finfinnee gale

Finfinnee, Hagayya 6, 2018 (FMC) – Gareen Atileetiksii Itiyoophiyaa, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umurii 20 gadii Ameerikaa, Origanitti gaggeeffamaa tureerratti hirmaatan Finfinnee galaniiru.

Itiyoophiyaan shaampiyoonicharratti Meedaaliyaa Warqee 2, Meetii 3 fi Nahasii 1 waliigala meedaaliyaa 6 argachuun addunyaarraa 5ffaa, Afrikaa irraa immoo sadarkaa 2ffaan xumurteerti.

Shaampiyoonichi Ameerikaa, Origan, magaalaa Yujiinitti Adooleesa 29- Hagayya 3, 2018tiitti gaggeeffamuun in yaadatama.

Comments (0)
Add Comment