Finfinnee, Adoolessa 30, 2018 (FMC) – Yaadotni marii gareewwan tarsiimawaatiin ijaaramanii dhihaatan garee hojii ajandaa miseensota 500 qabuuf dhihaachuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.
Waltajjii kanarratti tokkoon tokkoo gurmuu hojii ajandaatiin yaadotni qaboo yaa’ii ijaaraman lama kan dubbifaman yoo ta’u, yaadotni gurmuulee lamaan kanaa wal-fakkaattii ajandaa, wal-tumsaa fi garaagarummaa isaaniitiin hirmaattota mariitiin akka ilaalaman carraa uumeera.
Hirmaattotni marii yaadota gurmuulee tarsiimawaa lamaan kanaa akka qindeessaniif miseensota 30 kan qaban qindeessitoota yaada marii filachuun isaanii ibsameera.
Guyyoota itti aananitti yaadotni gurmuulee tarsiimawaa qindeessitoota filatamaniin walitti qindaa’anii akka dhihaatanis Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.