Finfinnee, Ebla 24, 2018(FMC) – Geejjibni Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa baatiwwan saglan darban keessa galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 17 argadhe jedhe.
Dhaabbatichi raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii gamaaggamaa jira.
Baatiwwan saglan darban keessa hammi tajaajila Oppireeshinii dhaabbatichaa miiliyoona 5.3 gahuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Geejjiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa Injinar Abduulbar Shamsuun ibsaniiru.
Hojiilee galii dhaabbatichaa guddisuuf hojjetamaa turaniin galiin Birriin biiliyoonni 100 fi biiliyoonni 17 ol argamuu dubbatan.
Dhaabbatichi baatiwwan kanneen keessa Xaa’oo Toonii miiliyoona 1 fi kuma 500 fi kuma 56 fi 157 geejjibsiiseera.
Gizaachoo Girmaayeetiin
#Oromia #Ethiopia