Finfinnee, Waxabajjii 10, 2018 (FMC) – Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa Giddugala Chaarjessaa yeroo tokkotti konkolaattota 24’f humna guutuu danda’u Magaalaa Finfinneetti hojii eegalchiiseera.
Tajaajilli Elektrikii Itiyoophiyaa ijaarsa diinagdee magariisaa biyyattii saffisiisuu keessatti ga’ee isaa bahachaa jira jedhan Hoji-Raawwachiisaa Olaanaan tajaajilichaa Injinar Geetuu Garramawu.
Konkolaattoonni Elektirikaa Kumni 100 fi kumni 40 gara Itiyoophiyaa seenuu isaanii hordofee humna konkolaattota kanneenif madaalu dhiyeessuuf buufataaleen Chaarjessaa ijaaramaa jiraachuu kaasan.
Kanaanis buufataalee 40 ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Buufataleen Chaarjessaa amma hojiirra jiran torbee guutuu tajaajila kennaa jiraachuu eeruun, Humna kiiloo Wattii tokkoof filannoowwan kaffaltii gosti 3 fayyadamtootaaf dhiyaachuu ibsan.
Halkan sa’aatii 4:00 hanga barii sa’aatii 12:00tti Birrii 14.85, ganama sa’aatii 4 hanga waaree booda sa’aatii 11:00tti Birrii 16.57, waaree booda 11:00 hanga hanga halkan sa’aatii 4:00, akkasuma ganama sa’aatii 12:00 hanga sa’aatii 4:00tti Birrii 18.28 kan kaffalamu ta’uu himan.
Buufanni chaarjessaa konkolaattota elektrikii saffisaa har’a eebbifame kun tajaajilichaaf pirojektii afraffaa ta’uu ibsaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia