Finfinnee, Bitootessa 15, 2018(FMC) – Giddugaleessa Bahaatti waraanni Ameerikaa – Israa’elii fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufeera.
Waraannichi dhiyeessii boba’aa guffachiisuun diinagdee biyyoota addunyaarratti dhiibbaa uumaa jira.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi guyyaa kaleessaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti mariin eegalamuu ifoomsanii turan.
Faallaa isaan Iraan odeeffannoo sobaati jechuun himte.
Kun akkuma jirutti ta’ee Israa’eelii fi Ameerikaan bu’uuraalee misooma anniisa Iraanirratti haleellaa kan raawwatan yoo ta’u, Teehiraanis tarkaanfii deebii fudhachuu eegalteerti.
Odeeffannoon biyyootni kunneen tamsaasaan kan walfaallessuu ta’uu fi haleellawwan haaraan eegalamuu hordofee gatiin boba’aa irra deebiin daballii agarsiiseera.
Haaluma kanaan gatiin boba’aa % 10 hir’isee ture, boba’aan hin calalamne Barmeelli tokko har’a Doolaara 100 qaqqabuu BBC’n gabaaseera.
Iraan Ulaa Hormuuz banuuf fedhii agarsiisuu dhabuun, Ameerikaa fi Israa’eel bu’uuraalee misooma anniisaa Iraanirratti haleellaa haaraa eegaluun rakkicha caalmaatti hammeessuu akka danda’u xinxaalamaa jira.
Waraanni guyyoota 25 lakkoofsise kun dhiyeessii boba’aarratti dhiibbaa uumuu hordofee biyyoonni dhiibbicha dandamachuuf tarkaanfilee adda addaa fudhachaa jiru.
Biyyoonni hedduun madda anniisaa haaromuurratti caalmaatti akka xiyyeeffatan carraa uumeera.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia