Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC)- Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuutti Mariin Paanaalii Yaa’ii Sikkoo Mandoo dhaddacha Odaa Murtii Haaromsuu gaggeeffamaa jira.
Marii Paanaalii Kanarrattis Bulchaan Godina Boorana Bahaa obbo Abdulrazaaq Huseen,Itti Gaffatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Boorana Bahaa Ibraahiim Abdii,Abbaan Gadaa Sikkoo fi Mandoo Aliyyii Suruu, Haadholiin Siinqee miseensoonni Gadaa Sikkoo Mandoo fi Booranaa argamaniiru.
Mariin Paanaalii kunis aadaa fi duudhaa Gadaa Sikkoo Mandoo deebisuu fi Haaromsa aadaa taasisuu akkasumas hawaasa duudhaa ganamaatti deebisuuf hojiin hojjetamu qabu maal ta’uu qaba kan jedhu irratti kan xiyyeefate ta’uun ibsameera.
Yaa’iin Sikkoo Mandoo Guyyoota itti Aanan lamaaf Aanaa Madda Walaabuu Ardaa Madda Walaabuutti ni gaggeeffama.
Feenaan Nuguseetu gabaase.