Finfinnee, Fulbaana 30, 2019 (FMC) – Dameen albuudaa qabeenya uumamaa biyya tokkoo gara guddina dinagdee, carraa hojii uumuu, galii sharafa alaa argamsiisuu fi indaastirii guddisuutti jijjiiruuf shoora olaanaa qabudha.
Itiyoophiyaanis qabeenya albuudaa bal’aa qabdu irraa faayidaa diinagdee argachuuf waggoottan darban damee albuudaarratti xiyyeeffannoo kennuun, imaammata fooyyessuun, invastimantii hawwachuu fi oomisha albuudaa seeraan bulchuuf hojjechaa jirti.
Dameen albuudaa akka utubaa guddina dinagdee biyyattii tokkootti ilaalamaa jira.
Kaayyoon isaas albuuda baasuun alergiif fayyadamuu qofa osoo hin taane, qabeenya kana biyya keessatti qindeessuu, qindeessanii itti fayyadamuu, indaastiriiwwan biroon deeggaruu fi hojii uumuu dabalata malee.
Mootummaan waggootan darban dame Albuudaaf xiyyeeffannoo damichafa kennen, albuudni utubaawwan dinagdee biyyaalessaa shanan keessaa tokko ta’ee hojjetamaa jira.
Kaayyoo isaas qabeenya uumamaa gara badhaadhina diinagdee fi jijjiirama caasaawaa dinagdeetti jijjiiruudha.
Mootummaan invastaroota biyya keessaa fi biyya alaa damee albuudaa irratti hirmaachisuuf fooyya’iinsa imaammataa fi seeraas taasiseera.
Haaluma kanaan:Adeemsa eeyyama albuudaa kennuu fooyyessuu,Odeeffannoo teessuma lafaa fi qorannoo albuudaa invastarootaaf salphaatti argamsiisuu,Invastimantii albuudaa keessatti hirmaannaa mootummaa fi damee dhuunfaa cimsuu akkasumas, Meeshaalee kaappitaalaa galchuu irratti xiyyeefatee hojjechaa tureera.
Hojiilee waggoottan darban hojjetamaniin oomisha albuudaan guddisuun galii sharafa alaa biyyattiin argattu dachaan dabaleera.
Warqeen, albuudota gatii qaalii qaban, sibiila, albuuda ijaarsaa fi albuudota indaastirii keessatti fayyadan irratti xiyyeeffannoon kennameen bu’aan olaanaa argameera.
Mootummaan hojiilee riifoormii alduudarratti waggoottan darban gaggeessaa ture caalmaatti bu’aa qabeessaa fi dorgomaa taasisuuf guyyaa har’a Warshaan qulqulleessituu Albuudoota gatii qaalii ykn gatii jabeeyyii Biyyaalessaa naanawaa diinagdee addaa Boolee laamiitti eebbiffameera.
Warshicha Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.
Warshaan qulqulleessituu Albuudootaa kun tumsa invastimantii idil addunyaa fi Invastimantii Hooldingi Itiyoophiyaa fi dhaabbata ‘Sam Precious Metals’ gidduutti taasifameen kan ijaarameedha.
Warshaan kun damee albuudaa cimsuu fi oomisha biyya keessaa irratti sona dabalataa uumuu irratti galma qabame milkeessuuf tarkaanfii guddaa Mootummaa Ida’amuuti.
Dameen albuudaa dameewwan oomishaa diinagdee Itiyoophiyaa keessatti dursa argatan keessaa tokko yoo ta’uu, isaan keessumaa dameen warqee bu’aa olaanaa galmeessaa jira.
Tarkaanfiin kun qabeenya uumamaa biyyattii, dandeettii qindeessuu fi qulqulleessuu albuudaa biyya keessaa, akkasumas dandeettii indaastirii fi uumama gatii itti fufiinsa qabu waliin walitti hidhuuf Kutannoo mootummaan Ida’amuu qabu ifatti kan mul’isuudha.
Warshaan kun waggaatti albuuda gatii jabeeyyii toonii 600 ol qulqulleessuu danda’a.
Akkasumas qulqullina warqee safaruu, qulqulleessuu fi warqee qulqulluu gabaa alergiitiif qophaa’e oomishuuf kan ijaaramedha.
Kana malees, sadarkaa qulqullinaa adda addaa irratti kan qophaa’an sibiilota warqee fi meetii irraa hojjetaman oomishuuf karoorfameeras.
Warshaan qulqulleessituu kun Itiyoophiyaa damee qulqulleessuu fi oomisha albuuda gatii guddaa qabu keessatti giddugala naannawichaa taasisuuf bu’uura kan kaa’udha.
Akkasumas, gatii warqee murteessuu keessatti iftoomina, mirkaneessa qulqullinaa fi amantaa gabaa guddisuuf gumaacha qaba.
Dabalataanis, qabeenya uumamaa Itiyoophiyaa gara sona dabalataa olaanaa, dandeettii indaastirii cimaa fi carraawwan gabaa naannawaa fi idil addunyaa bal’aatti jijjiiruuf tarkaanfii tarsiimawaati.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Mootummaa ida’amuu.