Godina Wallagga Lixaa naannolee filannoo adda addaatti adeemsi sagalee kennuu akkuma itti fufetti jira

Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 (FMC) – Godina Wallagga Lixaa naannolee filannoo Gimbii fi Najjoottii adeemsi sagalee kennuu akkuma itti fufetti jira.

Uummanni magaalaa Gimbiifi Aanaa Gimbii naamusaa fi obsaan dabaree eeggatee sagalee isaa kennaa jira.

Qaama miidhamtoota, maanguddootaa fi dubartoota dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa sagalee isaanii kennaa jiru.

Magaalaa Najjoo dabalatee akka godina Wallagga Lixaatti buufataaleen filannoo 928 keessatti hawwaasni bal’inaan ba’uun qaama boru isa gaggeessu filachaa jiru.

Yohaannis Malkaamuutiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment