Finfinnee, Onkololeessa 1, 2019 (FMC) –Guyyaan Alaabaa 19ffaan mata duree “Alaabaan Keenya Waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun boru kabajama.
Boru sa’aatii 3:00 irraa eegalee kabajama.
Guyyichi Itiyoophiyaanonni daangaafi kabaja biyyaa kabachiisuuf akkasumas dhiiga, dafqaafi lafee isaanii wareeguun Alaabaan kabachiisan waloon guyyaa itti kabajamudha.
Guyyaan Alaabaa bara kanaa qindeessummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan guutuu biyyattiitti haala waqtaawaa biyyaalessaa bu’uureffateen qophiilee garaagaraan kabajama.
Saganticharratti Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen ergaa ni dabarsu jedhamee kan eegamu yoo ta’u, Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaan tamsaasa kallattiin sirni lammiileen Alaabaa fuulduratti kakuu raawwachuu ni gaggeeffama.
Dabalataanis Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Maarshi Baandii Raayyaa Ittisa Biyyaan dabaalamanii sirna Alaabaa korsisuu ni raawwatu.
Sirnicharratti miseensonni Manneen Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Federeeshinii, dhaabbileen waamamtootaa manneen maree lameenii, hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisa Biyyaa, Abbootiin Amantaaleefi keessummoonni biroon ni argamu.
Guyyichi naannoleefi bulchiinsa magaalotaa, manneen hojii mootummaa, manneen barnootaa, Eembaasiiwwan fi qonsilaawwan Itiyoophiyaa biyyoota alaatti argamanitti sa’aatii walfakkaataattu kabajama.
Alaabaan, gootummaa, birmadummaa, kabajaafi jaalala lammiileen biyya isaaniif qaban kan ittiin mul’isanidha.
Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa tokkicha lubbuu isaa wareeguun birmadummaa biyyaa kan kabachiisu jaalala biyya isaaf qabudha.
Bakka bu’aan biyyaa yeroo hunda isa harkaa hin dhabamne ammoo, Alaabaa biyya isaati. Bakka injifate maratti Alaabaa bakka bu’aa biyya isaa ta’eefi mallattoo biyyaa ta’e kana dhaabuun samiirraa akka mirmirfamu taasisa. Kanaaf, mallattoo injifannoo isaati. Injifannoon isaas, injifannoo biyyaa ta’uu akeeka.
Biyyi injifatte ammoo, birmadummaa ishii labsattee jiraachuu ishii ergaa dabarfata jedhan Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Abdusalaam Waariyoon.
Alaabaan mallattoo walabummaafi birmadummaa, eenyummaan, seenaan, duudhaafi aadaan biyyaafi ummattootaa keessaan ifee mul’atu ta’uu kaasan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa