Finfinnee, Fulbaana 29, 2019 (FMC) – Guyyaan Qaroo Addunyaa akka biyyaatti Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti mata-duree”Ija keessan mararfadhaa,Qaroo keessan kunuunfadhaa” jedhuun sagantaawwan garagaraan kabajamaa jira.
Guyyichi walta’iinsa Ministeera fayyaa, Biiroo fayyaa Oromiyaafi Magaalaa Shaggariin qophaa’uun kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafoo Mana Barnootaa Xaafoo sadarkaa 1ffaa lakkoofsa 1 keessatti kabajamaa jira.
Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa fi Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa akkasumas hooggantootni sadarkaa Federaalaa,Naannoofi Magaalaa Shaggar dabalatee qooda fudhattootniifi kutaaleen hawaasaa garagaraa saganticharratti argamaniiru.
Bara baajetaa darbe keessa fayyaa qaroo hawaasaa eeguuf tajaajiloota yaala ijaa 6100, yaala moora ijaa namoota kuma 45 oliif kennuun cinatti hojiiwwan hubannoo uumuu dhimmoota eegumsa fayyaa irratti kennamuus Dooktar Tashoomaan eeraniiru.
Fayyummaan ijaa guddina hawaasaaf murteessaa ta’uu fi rakkoowwan gama fayyaa ijaan jiran hambisuuf hubannoo hawaasaa cimsuufi tajaajila yaala fayyaa dhaqqabamaa ta’e diriirsuun hojjetamaa jiraachuu Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa himaniiru.
Bara kanas sagantaa yaala ijaatiin tajaajila baqaqsanii yaaluu kuma 60, tajaajila yaala tiraakoomaa barattootaa kuma 35, akkasumas qorannoo ijaa barattoota kuma 500 oliif tajaajila kennuun deeggarsa barbaachisu taasisuuf hojjechaa jiraachuus Piroofeesar Natsaannat Warqinaa eeruu ragaan WKM irraa argame ni mul’isa.
#MootummaaIda’amuu