Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019(FMC)- Itiyoophiyaafi Keeniyaan biyyoota ollaa, seenaa waloofi hariiroo uummataa cimaa qabaniidha.
Biyyoonni lameen hariiroo dippiloomaasii waggoota dheeraa qabaatanis gara hariiroo dam-hedduutti jijjiiruun guddina waloof oolchuu irratti hojiin hojjetan ga’aa hinturre.
Mootummaan Ida’amuu garuu imaammata alaa biyyoota ollaa waliin hariiroo gaarii , nageenyaafi tumsa diinagdee cimsu bocuun fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf hojjechaa tureera; hojjechaas jira.
Haaluma Kanaan biyyoonni lamaan dameewwan dippiloomaasii, daldalaa, walitti hidhamiinsa naannawaa, ijaarsa bu’uuraalee misoomaafi hariiroo uummattootaa cimsuuf kutannoon hojjechaa jiru.
Yeroo ammaas hariiroo qaban gara tumsa tarsiimawaatti guddisuuf hojjechuu irratti argamu.
Hariiroon biyyoota lameenii kun diinagdee naannawichaa dadammaqsuuf akkasumas nageenyaafi tasgabbii gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa kan qabuu dha.
Hoggantoonni biyyoota lameenii yeroo garaagaraatti walitti dhufuun haala hariiroo kana caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’achaa turaniiru.
Guyyaa kaleessaas Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad gara Keeniyaatti imaluun “Guyyaa Goototaa” magaalaa Eldooreetitti kabajame irratti argamuun haasawa taasisaniiru.
Sirnicha irratti ergaa dabarsaniinis, biyyoonni lameen hariiroo cimaa kan qaban ta’uu ibsuun, michummaafi seenaa waloo qaban gara tumsa diinagdee, walitti hidhamiinsa naannawaafi badhaadhina waloof oolchuun barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.
Tumsi Itiyoophiyaa fi Keeniyaa seena qabeessi kun walitti hidhamiinsa anniisaa, geejjibaa, telekoominikeeshiniifi daldalaan jabaachaa dhufuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan bara faranjootaa 2022 irraa eegalee Keeniyaaf humna elektirikaa dhiyeessaa kan jirtu yoo ta’u, kunis bu’uuraaleen misoomaa walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuuf qooda olaanaa akka qaban kan agarsiisuudha.
Yeroo ammaa biyyoota kanneen bu’uuraalee misooma daandiin walitti hidhuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kun immoo daldala saffisiisuufi hariiroo uummattootaa cimsuu keessatti qooda olaanaa kan qabuu dha.
Walumaagala, hariiroon biyyoota lameenii dippiloomaasii idilee bir darbee ameewwan daldalaa, nageenyaa, ijaarsa bu’uuraalee misoomaafi hariiroo uummataa kan hammatudha.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa