Finfinnee, Onkolooleessa 11, 2019 (FMC) – Odeeffannoo fi xinxaalli sirriin misooma hammataa, waaraafi amansiisaaf murteessadha jedhan Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen.
Komishiniin Istaatiksii Afrikaa Yaa’ii Idilee 10ffaa Magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.
Yaa’icharratti kan hirmaataan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen guddinni karaa sirriin yoo hinsafaramnee fi galmoofne adeemsa misoomaa hubachuun hin danda’amu jedhan.
Xinxaala odeeffannoo waaraa fi amansiisaa taasisuuf Daataan akkaan murteessaa ta’uu kaasan.
Xinxaala Itiyoophiyaa sirrii fi dhugaaa taasisuuf hojimaata diijitaalaa diriirsuun barbaachisaa akka ta’e dubbatan.
Daayrekterri Olaanaan Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateeteen gama isaaniin daataa uumuu fi eeguun dhimma murteessaa ta’uu hubachiisan.
Keessattuu hojii dhabdummaa hir’isuu fi hiyyummaa qolachuuf dandeettii hojjetaa fi dargaggootaa beekuun dhimma ijoo ta’uu himan.
Teeknooloojii sirnaan fayyadamuu, odeeffannoo sobaa ittisuu, akkasuma jijjiirama qabeenya qilleensaa ragaalee Ji’oospeeshaalii waliin walitti hidhuun barbaachisaadha jedhan.
Alemsaggid Asaayyeetiin