Finfinnee, Hagayya 29, 2017(FMC) – Hidhi Haaromsaa Guddichi eenyummaa fi asxaa biyyaalessaa keenya jedhan hojjettoonni Hidhichaa.
Waggoottan 14 darbaniif Hidha Haaromsaatti teekinishaanummaan hojjechaa kan turan obbo Salamoon Yaaregaal, wareegamni misoomaafi guddina biyyaaf kaffalame bu’aa agarsiisuu isaatti gammaduu ibsaniiru.
Hidhichi rakkoolee walxaxaa keessa darbee sadarkaa kana gahuusaattii fi qaama seenaa kanaa ta’uu isaaniitti akka boonan Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ibsaniiru.
Hidhicha waggoota 13 fi 7 tajaajilaa kan turan Bayyanaa Hodeefi Asmaamaaw Geetaachoo gamasaaniin, ho’a gammoojjii dandamachuun imaanaa Itiyoophiyaa milkaa’inaan bahachuu isaanitti kan gammadan ta’uu himaniiru.
Hidhi Haaromsaa Guddichiifi Itiyoophiyummaan adda kan hin baane ta’uus ibsan.
Yoo tokko taane hunda injifachuu ni dandeenya kan jedhan hojjettoonni kunneen, Hidhichi fakkeenya injifannoo ta’uus dubbataniiru.
Akkuma Hidha Haaromsaa milkeessine pirojektiiwwan biyyaalessaa fuulduratti hojjetaman irrattis waloon dhaabachuu qabna jedhaniiru.
Almaaz Mokonnintu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.