Himannaa irra deddeebii Ijiptii fi mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee itti fayyadamuuf qabdu

Finfinnee, Adoolessa 29, 2018 (FMC) – Ijipti mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee itti fayyadamuuf qabdu cabsuun, waa’ee Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa fi itti fayyadama bishaanii laga Abbayyaa irratti himannaa hundee hin qabne irra deddeebiin dhiheessaa jirti.

Ijipti laga Abbayyaa dhuunfattee to’achuuf yookaan biyyoonni biroo mirga misoomaa isaanii akka hin fayyadamne dhorkuuf mirga seeraa kamiyyuu hin qabdu.

Bishaan laga Abbayyaa keessaa dhibbeentaan 85 ol kan maddisiistu Itiyoophiyaa ta’us, Ijiptiin waliigaltee bara koloneeffannaa irraa ka’uun qooda guddaa akka qabdu yaada sobaa tamsaasaa turte.

Kanaafis, Hidhi Haaromsaa Guddichi akka hin ijaaramne, akkasumas erga ijaarsi isaa jalqabee booda akka hin xumuramneef yaalii fi dhiibbaa adda addaa gochaa turuun ni beekama.

Haa ta’u malee, tumsa uummata Itiyoophiyaa fi hojii waloo taasifameen Hidhi Haaromsaa Guddichi erga xumuramee booda, Ijiptiin tooftaa ishee jijjiiruun hidhi kun “yaaddoo nageenyaa” uume jechuun himannaa irra deddeebiin dhiheessaa jirti.

Yeroo dhiyoo asittis, Hidhi Haaromsaa Guddichi hamma bishaanii kuusaa hidhaawwan ishee irratti argamu hir’ise jechuun Itiyoophiyaa irratti himannaa sobaa dhiheessaa jirti.

Akka gabaasa miidiyaa Al-Ahram Online irratti ibsametti, aangaa’aan damee bishaanii laga Abbayyaa Ministeera Qabeenya Bishaanii fi Jallisii Ijiptii, Saamih Abdul Rahmaan, Ijiptiin sochii bishaanii fi hojii tarbaayinii Hidha Haaromsaa hordofaa akka jirtu ibseera.

Gabaasichi Itiyoophiyaan Hidha Haaromsaa sirnaan bulchaa hin jirtu jechuun kan himate yoo ta’u, marii dirqisiisaa Itiyoophiyaa waliin gaggeessuun nageenya Ijiptiif furmaata ta’uu ibsa.

Himannaawwan akkanaa fi odeeffannoowwan bu’uura hin qabne miidiyaalee Ijiptii keessatti tamsa’an, fedhii Ijiptiin Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee akka hin fayyadamne fi akka hin guddanne gochuuf qabdu irraa kan madde malee, Hidhi Haaromsaa dhugaatti yaaddoo nageenyaa ishee irraan hin geenye.

Itiyoophiyaan, kan bishaan laga Abbayyaa keessaa harka caalaa maddisiistu, sirna fayyadama haqaa fi waloo irratti kan amantu yoo ta’u, biyyoota yaa’aa gadiitti argaman keessatti hanqinni bishaanii akka uumamu fedhii hin qabdu.

Humna bishaanii laga Abbayyaa fi dameewwan isaa guddisuuf, sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi hojiiwwan biroo irratti xiyyeeffachuun hojjechaa akka jirtu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii ibseera.

Gama biraatiin, odeeffannoowwan akka agarsiisanitti, Ijiptiin Hidha Aswaan, Haroo Naasirii fi bishaan kuufamaa lafa keessaa bal’aa qabdi.

Ta’us, yaada bara koloneeffannaa laga Abbayyaa irratti qabdu irraa ka’uun, tumsa fi dippilomaasii bishaanii filachuu irra, imaammata Itiyoophiyaa dadhabsiisuu fi addaan baasuu irratti hundaa’e hordofaa jirti jechuun ibsameera.

Waggoota kurnan darban keessatti, Itiyoophiyaan fi biyyoonni yaa’a Naayil irratti argaman, seera idil-addunyaa lageen daangaa ce’anii irratti hundaa’uun Ijiptii waliin hojjechuuf yaalii godhanis, Kaayiroon qoodinsa fi fayyadama waloo laga Abbayyaa irratti waliigaltee irra gahuu hin dandeenye.

Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa keessaa harka caalaa kan gumaachitu ta’uu ishee irraa ka’uun, miidhaa tokko malee, haqa qabeessa fi fayyadama waloo irratti hundaa’uun itti fayyadamuun akka ishee malu amanti.

Haa ta’u malee, qaamolee abbaa qabeenyummaa ishee tuquu fi mirga qabeenya uumamaa ishee misoomsuu irraa ishee dhorkuuf yaalan kamiifuu fudhatama hin kennitu.

Miikiyaas Ayyaalaan

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment