Finfinnee, Adoolessa 13, 2018(FMC)- Hirmaattonni yaa’ii marii biyyaalessaa guyyaa har’aa ajandaalee ramadaman irratti mari’achuu eegalaniiru jedhe Komishiniin Marii Biyyaalessaa.
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Ambaasaaddar Mahaammud Diriir ibsa kennaniin, adeemsi guyyaa har’aa eegale qaama marichaa murteessaa ta’edha jedhan.
Mari’attoonni garee gareetti qoqqoodamuun ajandaalee ramadaman irratti mari’achuu eegaluus ibsaniiru.
Adeemsi marii eegalame boqonnaa murteessaa mari’attoonni yaadota isaanii itti wal jijjiiran fi yaada warreen kaanii itti dhaggeeffatan ta’uu eeraniiru.
Haaluma Kanaan mari’attoonni garee gareetti qoqqoodamuun ajandaalee ramadaman irratti marii eegalaniiru jedhan.
Ajandaa tokkorratti gareen hojii ijoon mari’attoota 500 hammate hundeeffamuu eeruun, tokkoon tokkoo garee hojii ijoo jala gareewwan xixiqqaan mari’attoota 10 of jalaa qaban jiraachuus ibsaniiru.
Walumaagalatti gareewwan xixiqqaan 80 ajandaalee ramadaman irratti mari’achaa jiraachuu kaasaniiru.
Adeemsi isaa milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf komishinichi mariisistoota muuxannoo hojiifi barnootaan gahumsa qaban 160 ramaduu eeraniiru.
Dabalataan barreessitoonni qaboo yaa’ii 256 yaa’icha gahumsaan gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia