Finfinnee, Onkololeessa 29, 2018(FMC)- Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneetti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwachaa jiru.
Hoggantoonni kunneen Godambaa Saayinsii, Paarkii Irreechaa, Paarkii Araadaa, Giddugala Gabaa Laaftoo dabalatee pirojektoota namarratti xiyyeeffatan biroo ni daawwatu jedhameera.
Pirojektoonni kunneen tattaaffii mootummaan fedhii diinagdeefi hawaasummaa lammiilee guutuuf taasisu kan agarsiisan ta’uun eerameera.
Kaayyoon daawwannaa kanaa hoggantoonni paartichaa pirojektoota hojjetaman kanarraa qabeenya adda baasuun misoomsuun lammiilee fayyadamoo taasisuun akkamitti akka danda’amu akka ilaalaniif ta’uun ibsameera.
Leenjiin bara 2018 hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa magaalaa Adaamaatti kennamaa turuun kan yaadatamudha.
Andu’aalam Tasfaayeetu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.