Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Hojii kalaqaa fi ogummaa irratti dargaggoota jajjabeessuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa.
Magaalaa Naqamteetti waldorgommiin Ogummaa, Kalaqaa, Teeknooloojii, Qorannoo fi Yaada Daldalaa mata duree “Ogummaa gonfachuu, carraa hojii ogummaan durfamuu fi itti fufiinsa qabu” jedhuun gaggeeffameera.
Waldorgommiin kun Kolleejjiiwwan Pooliiteeknikaa keessatti namoota hojii kalaqaa garaagaraa irratti bobba’an hirmaachisuun, hojii isaanii wal dorgomsiisuun dandeettii isaanii beeksisuufi jajjabeessuuf akka ta’e ibsameera.
Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaatti Daarekteerri Qorannoo fi Ce’umsa Teeknooloojii Obbo Lammii Bayyaanaa wayita kana hojii kalaqaa fi ogummaa irratti dargaggoota jajjabeessuu fi carraa hojii uumuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Waldorgommiin akkanaa dandeettii namootaa guddisuun rakkoo hawaasaa hiikuuf akkasumas hojii kalaqaa gara indaastiriitti ceesisuuf murteessaadha jedhan.
Oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun guddina dinagdee akka saffisiisuus kaasaniiru.
Waldorgommiin kun guutuu Oromiyaatti kan gaggeeffamu ta’uufi hirmaattotaaf deeggarsi ogummaa akka kennamu ibsameera.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia