Hojiileen misooma qonnaa godina Baaleetti hojjetamaa jiran fakkeenya kan ta’anidha- Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Adoolessa 22, 2018(FMC)- Hojiileen damee qonnaan godina Baaleetti hojjetamaa jiran fakkeenya kan ta’anidha jedhan Hogganaan Damee Hariiroo Uummataafi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa.

Hoggantoonniifi ogeeyyiin Damee Hariiroo Uummataafi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa godina Baaleetti daawwannaa dirree gaggeessaa jiru.

Dooktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana godinichatti hojiileen jiruufi jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuuf damee qonnaan hojjetamaa jiran akka fakkeenyaatti kan fudhatamanidha jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni hojimaatilee qonnaa fooyya’an hojiirra oolchuun misooma kilaastaraan hojiin hojjechaa jiran kan jajjabeeffamu ta’uus eeraniiru.

Akkasumas godinichatti roobaafi filmaatawwan bishaanii biroo fayyadamuun waggaatti yeroo lamaafi isaa ol oomishuun akka danda’amu daawwannaa Kanaan hubachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment