Finfinnee, Onkololeessa 1, 2019 (FMC) – Hojiileen namoomaa irratti xiyyeeffatan haqa hawaasummaa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qabu jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana 1ffaa magaalaa Finfinnee xumurameera.
Kurmaana jalqabaa keessa, waadaa jiraattota magaalichaaf galle kabajuu fi itti gaafatamummaa nuuf kennan amanamummaan bahuuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an raawwatamuu madaalleerra.
Hojiiwwan kunneen haala jireenyaa fi fayyadamummaa jiraattota keenyaa irratti jijjiirama kan fidan, akkasumas hojiiwwan itti aananiif bu’uura kan kaa’an ta’uu ibsan Kantiibaa Adaanech gamaaggamichaan booda ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanirratti dabarsaniin.
Bu’uura milkaa’ina raawwii hojii keenyaa kan ta’an, magaalaa keenya keessatti kan uumame kutannoo fi ciminaan hojjechuu, amanamummaan tajaajiluu, qajeeltoo Ida’amuu irratti hundaa’uun saffisaa fi qulqullinaan hojii raawwachuu, akkasumas yeroo osoo hin gubne karoora gara hojii qabatamaatti jijjiiruu dandeessuu keenya jedhan.
Mootummaan Ida’amuu hojiiwwan isaa aadaa siyaasaa haaraa uumuun raawwachuu bira darbee, caasaa yeroo ammaa barbaachisu fooyyessuun, bu’aa hojii bu’uura godhachuun muudamoota hooggansaa haaraa raawwachuu danda’uu ibsan.
Karoora guyyoota 90 keessatti hojiiwwan tola ooltummaa yeroo Gannaan, hojiiwwan ashaaraa magariisaa, ijaarsa manneenii fi hojiiwwan manneen moofa’an haaromsuun raawwatamuu dubbatan.
Lammiileen rakkoo mana jireenyaa qaban, akkasumas sababa hojii misoomaatiin manneen jireenyaa isaanii irraa buqqa’an, manneen qulqulluu fi kabaja lammiilee eegan akka argatanis hojjetamuu kaasan.
Yeroo itti aanus hojiileen hojjetamu hundi xiyyeeffannoo kan barbaadan,tokkoon tokkoon hojjetaa gahee hojii ifatti adda baafameefi itti gaafatamummaa fi qajeeltoo Ida’amuun akka hojjetan sirni hojii diriirsuu fi cimsuu nurraa eegama jedhan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa