Hojiin eegumsaa fi misoomaa Paarkiwwanirratti hojjetame bu’aa jajjabeessaa galmeesse – Salamaawiit Kaasaa

Finfinnee, Adoolessa 16, 2017 (FMC) – Hojiin eegumsaa fi misoomaa Paarkiwwanirratti hojjetame bu’aa jajjabeessaa galmeesse jedhan Ministirri Ministeera Tuurizimii Salamaawiit Kaasaan.

Reenjaroota qabeenya uumamaa oolchuuf lubbuu isaanii wareegan yaadachuun guyyaan Reenjarootaa idil addunyaa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baaleetti kabajameera.

Bineensotaa fi biqiltoota Paarkiiwwan biyyaalessaa keessatti argaman eeguu fi kunuunsuun Hawwata Tuuriizimiif akka oolu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Miidhaalee Paarkootarra gahan ittisuuf hojiin eegumsaa fi misoomaa hojjetame bu’aa jajjabeessaa galmeessuu kaasan.
Guyyaa kana kabajuun tattaaffii eegalame caalmaatti kan cimsu ta’uu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment