Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojiin misooma kooriidarii magaalaa Goondar Azazoo hanga Piyaassaatti eegalame magaalattiin lammata dhalachuuf ciniinsuurra jiraachuu ishee agarsiisa jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon Mooraa Masaraa Mootummaa Faasiil haaromfamaa ture eebbisiisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad saganticharratti ergaa dabarsaniin, faana abbootii keenya kennaa kana fakkaatu nuuf kennanii hordofnee osoo biyya misoomsinee fi hojjennee har’a Itiyoophiyaan gargaaramtuu hin taatu turte jedhan.
Hangafoota kabajuu, hojiilee hangafoonni hojjetan dinqisiifachuufi qorachuun yeroo jalqabamu hojii sanarratti xuubii tokko osoon kaa’ee jechuun hin hafu ; hangafoota xiqqeessuun gaafa eegalamu garuu hin guddannu; kan guddate kan xiqqeessinu, walqabannee akka quucarru nu taasisa jechuun ibsan.
Namni yookaan hawaasni seenaa isaa kaleessaa yaadachuu danda’e har’a ka’umsaafi hojjechuuf kan itti fayyadamu ta’uu eeruun, har’a ka’umsa kan hin godhanne ammoo wanta hojjetame arguu akka hin dandeenye hubachiisan.
Hojiileen magaalaa Goondaritti eegalaman akkasumas hojiileen mooraa masaraa mootummaa Faasiil keessatti hojjetaman ijoolleen keenya nu caalaa abdii qabaachuu yaaduu qofaa osoo hin taane abdii qabatamaa argeera jedhan.
Guddattoonni Goondar barri fuuldura keessan jiru ifa waan ta’eef abbootiin keessan ijaaraniiru; nuti tursiisuuf yaalleerra; kana caalaatti Goondariin yoo hojjettan ammoo biyya daran misoomeefi miidhage uumuun ni danda’ama jechuun hubachiisaniiru.
Faasiiliin waggaa 30 dura beeka kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, maqaan haaromfame jedhu itti xiqqaata; lammata dhalatte jechuun akka danda’amu ibsan.
Magaalaan Goondar akkuma masaraa mootummaa Faasiil irra deebiin dhalattee arguun fedhii, hawwiifi hojii hunda keenyaa ta’uu qaba jechuun yaadachiisaniiru.
Hojiin misooma kooriidarii yeroo ammaa Azazoo hanga Piyaassaatti eegalame Goondar lammata dhalachuuf ciniinsuurra jiraachuu ishee kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.