Hojiin seenaashee durii daran miidhagsu Jimmatti hojjetamaa jira- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC)- Hojiin seenaashee durii daran miidhagsu Jimmatti hojjetamaa jira jedhan Ministira Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamsgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin Jimmaatti hojiileen misoomaa dinqisiisoon hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Godina Jimmaatti hojiilee dinqisiisoo misooma kooridarii baadiyyaa, misooma kooriidarii magaalaa, haaromsa masaraa Abbaa Jifaar fi ‎piroojektii Maaddiin Dhalootaaf daawwachuu eeraniiru.

Dabalataanis aanaa Maannaatti hojiilee misoomaa bunaa, shaayee, dammaafi kanneen biroo daawwachuu ibsuun, misooma kooriidarii baadiyyaan naannawaa biyyattii biroof fakkeenya kan ta’uufi hojii gocharratti xiyyeeffate arguu kootti booneera jedhan.

‎Guddina Itiyoophiyaa kan mirkaneessinu guyyaa fi halkan hojjechuuni kan jedhan obbo Tamsgeen, sadarkaan irra geenyeefi wanti arganne osoo nu dagiin ‎daran misoomuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

‎Aadaan hojii misooma jalqabanii xumuruu akka biyyaatti hojiirra oolaa jiru qabatamaan kan mul’ate, ashaaraa egereef  darbu ta’uu kaasanii, warreen Jimmaas kana dhugoomsuuf qabsoo cimaarra jiraachuu keessan arguu kootti baay’ee gammadeera jedhan ergaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment