Finfinnee, Caamsaa 6, 2018 (FMC) – Biyyi takka guddina cimaa fi itti fufiinsa qabu galmeessisuu kan dandeessu yoo dhaabbilee jabaa qabaatte qofaadha.
Dhaabbileen jajjaboon utubaa ijaarsa biyyaa ta’u bira darbanii, lammiilee gidduutti fayyadamummaa wal-qixaa fi haqa qabeessa mirkaneessuun gahee ol’aanaa taphatu.
Keessattuu, rifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi deemoiraasii gahee guddaa qabu.
Biyya keenyattis Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimed gara aangootti erga dhufanii as, damee kanaaf xiyyeeffannoo kennuun hojiileen rifoormii bal’aan raawwatamaniiru.
Kanaanis, Itoophiyaan kabajamtee fi sodatamte akka jiraattu bu’urri kaa’ameera.
Dhaabbileen kunneen hoggansaa fi humna namaatiin cimanii, dandeettiin isaanii teknoolojiin akka badhaadhu, beekumsa nageenyaa bu’uuraa fi qulqullina qabuun akka ijaaraman, akkasumas bu’uura diimokiraasii irratti hundaa’uun bilisa, giddu-galeessa fi gahumsa kan qaban akka ta’an hojiileen bal’aan hojjetamaniiru.
Bu’aa kanaanis, dhaabbileen faayidaa biyyaa fi uummataaf dhaabbatan, loogiin isaanii seera qofaaf ta’e, diinonni Itoophiyaa irratti hammeenya akka hin yaadne kan ittisan, gaachana fi gaaddisa biyyaa ta’an ijaaramaniiru.
Hojiilee rifoormii raawwatamaniin, sodaawwan damee kana keessatti mul’atan qolachuu bira darbee, rakkoolee dursanii adda baasuu fi amala isaanii xiinxaluun, hanqina nageenyaa fi tasgabbii tasa uumaman hambisuun danda’amaa jira.
Dabalataanis, barii jijjiirama biyyaalessaa dhaabbilee nageenyaa fi qindoominaa dabalatee Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti rifoormii &eggeeffameen, loltummaan gootonni kan filatan, tokkummaa fi birmadummaa biyyaatiif gatii kan itti kafalan ogummaa kabajamaa ta’uu danda’eera.
Haaluma kanaan, Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaatiif meeshaalee waraanaa hammayyaa guutuun, saaxilamummaa biyyaa hambisuu kan danda’u humna amansiisaa gochuun danda’ameera.
Kanas galmaan gahuuf, Warshaan Rasaasaa Hoomichoo fi Indaastirii Iskaayin Eeroonotiksii kan teknoolojii diroonii oomishu ijaaramanii hojii eegaluun isaanii akka fakkeenyaatti eeramu.
Akkasumas, Itiyoophiyaan bara waliin akka deemtuuf, mootummaan Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa hundeessuun damee kanaaf xiyyeeffannoo ol’aanaa kennee hojjechaa jira.
Hubannoo Namtolcheen (AI) damee sadarkaa addunyaatti saffisaan guddachaa jiru yoo ta’u, jireenya namootaa salphaa gochuun dameewwan garagaraa keessatti tajaajila adda addaatiif oolaa jira.
Itoophiyaanis gahee damee kanaa hubachuun, dhaabbata ijaaruun mata-duree “Hubannoo Namtolcheen Hundaaf” jedhuun Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa hundeessuuf qarqara irra geessetti.
Dabalataanis, mootummaan qaamolee nageenyaa, dhaabbilee mirga namoomaa, Boordii Filannoo Biyyaalessaa, qaamolee haqaa fi dhaabbilee diimokiraasii biroo irratti rifoormii geggeessuun isaa ni yaadatama.
Adimaasuu Arraagaatiin
#Oromia #Ethiopia