Ijaarsi Bakkeewwan Shaakalaa Ispoortii, Ispoortii Itiyoophiyaa Sadarkaa Olaanaatti Ceesisaa Jira – Hoggantoota Damee Ispoortii

Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) – Ijaarsi bakkeewwan shaakalaa ispoortii qindaa’oo Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiruu ispoortii Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisaa jira jedhan hoggantoonni damee ispoortii.

Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Atileet Silaashii Sihiin, Finfinnee keessatti bakkeewwan shaakala ispoortii ammayyaa fi istaadiyoomonni ijaaramaa jiraachuun bu’a qabeessummaa atileetotaa guddisuufi dorgommiiwwan gurguddoo qopheessuuf gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Istaadiyeemiin “Aday Ababaa” sadarkaa qulqullina idil-addunyaa eeggateen ijaaramaa akka jiru ibsaniiru.

Bu’uuraaleen misooma ispoortii dameewwan garaagaraa Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetamaa jiran atileetota bakka bu’oo horachuuf gumaacha murteessaa akka qaban dubbachuu isaanii ENA’n gabaaseera.

Dabalataanis, bu’uuraalee misooma ispoortii qulqullina qaban babal’isuun Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa akka keessummeessitu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Itti Aanaan Pirezidaantii Federeeshinii Wushuu Itiyoophiyaa Obbo Iyyaasuu Salamoon gama isaaniin, bakkeewwan shaakala ispoortii waliigalaa Magaalaa Finfinnee misooma magaalattii keessatti hammatamuun ijaaramaa jiraachuun damee ispoortii irratti jijjiirama guddaa fiduu danda’eera jedhan.

Yeroo ammaa bakkeewwan shaakala ispoortii fedhii dargaggootaa guutan baay’inaa fi qulqullinaan ijaaramaa jiraachuun rakkoolee kanaan dura damee kana keessatti mul’achaa turan furuun akka danda’ame dubbataniiru.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Comments (0)
Add Comment