Ijiptii fi Shaabiyaan garee seeraan alaa ABUT fayyadamuun Tigraay bakka waraanaa taasisuu barbaadu

Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) – Ijiptiin garee seeraan alaa ABUT akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun, Shaabiyaas ergamaa ishee godhachuun nageenya Itiyoophiyaa jeequu barbaaddi.

Ijiptiin dadhabbiin Itiyoophiyaa fedhii ji’oo-pooleetikaa ishee akka milkaa’u amantu, garee seeraan alaa ABUT fayyadamuun waraanni fi tasgabbii dhabuun Itiyoophiyaa keessatti akka babal’atu halkanii fi guyyaa hojjechaa jirti.

Gareen kunis waraana bakka bu’iinsaa kana keessatti ergamaa ta’uun naannoo Tigraay bakka waraanaa taasisee uummata badiisa guddaatti geessaa jira.

Warri garee seeraan alaa ABUT deeggaran tarsiimoo isaanii guddaan Itiyoophiyaa laaffisuu fi biyya waraanaan jeequudha. Kanaafis dirree waraanaa biyya isaanii irraa fageessanii Itiyoophiyaa keessatti uumuu fi baandota biyya keessaa fayyadamuuf tattaaffii guddaa taasisaa jiru.

Gareen kun uummataafin djaabbadha ofiin jechuun of mul’isuus, kaayyoon isaa inni guddaan aangoo dheereffachuu fi qabeenya walitti qabachuudha. Kanaaf fedhii isaa milkeessuuf meeshaa ta’ee tajaajilaa jira.

Garichi waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa cabsuun labsii waraanaa baasee dargaggoota Tigraay dirqiin waraanaaf galmeessaa jira.

Shirri biyya diiguu fi uummata badiisaaf saaxiluu kun eenyummaa dhugaa garee kanaa fi kaayyoo humnoota alaa ifatti mul’isa.

Yeroo ammaa kana gareen kun karaa ijaarsa “Tsimdoo” jedhamuun socho’aa kan jiru yoo ta’u, shirri kunis kallattiin Ijiptiin kan qindaa’ee, Shaabiyaanis kan deeggartu ajandaa sodaa fi badiisaa ta’uu ibsameera.

Tokkummaan gareen seeraan alaa ABUT diinoota seenaa Itiyoophiyaa waliin uume kun wallaalummaa irraa kan madde yoo ta’u, uummata Tigraay irratti miidhaa guddaa geessisa jedhamee sodaatama.

Ijiptii fi Shaabiyaan garee seeraan alaa ABUT akka meeshaa itti fayyadamuun Itiyoophiyaa laaffisuuf yaalaa jiru.

Shaabiyaan ibiddi biyya ishee keessatti akka hin kaane waan barbaadduuf waraana bakka bu’aa kana lafa Tigraay irratti geggeessuu barbaaddi. Haa ta’u malee, kun abjuu hin milkoofne ta’ee hafa.

Birmaddummaan mootummaa Itiyoophiyaa shira Ijiptii, mala Shaabiyaa yookaan ergamummaa garee seeraan alaa ABUT’n hin diigamu.

Itiyoophiyaan seenaa dheeraa keessatti weerara alaa fi shira keessaa hedduu dandamachuun birmaddummaa ishee tikfattee jiraatte; fuulduras akkasuma ittifuftee ni tikfatti.

Kanaafuu, tokkummaa fi cimina ilmaan isheetiin Itiyoophiyaan birmaddummaa ishee eeggattee, shira diinoota alaa fi keessaa fashaleessaa imala ishee itti fuftee ni deemti.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment