Finfinnee, Fulbaana 30, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan boqonnaa guddinaa seena qabeessa irra jirti.
Imalli gara badhaadhinaatti taasifamu jechoota siyaasaa qofaan kan ibsamu miti, pirojektoota gurguddoo fi waaraa lafa irratti mul’ataniin kan mirkanaa’u dhugaa biyyaalessaa ta’aa jira.
Biyyi kun hirkattummaa alergii meeshaalee dheedhii waggoota dheeraaf keessa turte keessaa ba’uun caasaa indaastirii fi dinagdee haaraa ijaaruuf tarsiimoo qabatamaa bal’inaan hojiirra oolchaa jirti.
Warshaan qulqulleessituu albuuda gati ja;eessaa biyyaalessaa haaraa eebbifames qaama mul’ata biyyaalessaa kanaati.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad sirna eebbaa warshichaa irratti akka ibsanitti, hojiin warshaa xaa’oo keessatti jalqabame warshaa qulqulleessituu warqeenis irra deebii hojjetameera.
Dameewwan biroo keessattis hojiiwwan akkasii bal’inaan hojjechuudhaan, waggoota shanii hanga kudhanii dhufan keessatti Itiyoophiyaan meeshaalee dheedhii erguun oomisha qophaa’e simachuu ni dhaabdi jedhan.
Milkaa’inni kun qabeenya uumamaa biyya keessaatti sona itti dabaluudhaan gabaa addunyaaf dhiyeessuuf kutannoo Itiyoophiyaan qabdu kan mul’isuudha.
Imalli sona dabaluu kun damee warqee fi xaa’oo qofatti kan daangeffamu osoo hin taane, jijjiirama caasaa dinagdeeti dameewwan dinagdee ijoo ta’an keessattis babal’achuu fi irra deebi’amee hojiirra ooluu qabuu dha.
Damee qonnaatiin, oomishaalee dheedhii biyyattiin oomishtuu keessaa bunaa, abasuudaa fi sanyiiwwan zayitaa biyya keessatti qindeessuu fi warshaalee keessatti adeemsa dabalataa keessa galchuuf hojjetamaa jira.
Haaluma walfakkaatuun, damee huccuu fi uffata keessatti, jirbii bifa dheedhiitiin erguu caalaa warshaalee biyya keessaa keessatti fo’anii uffata irraa hojjechuudhaan gabaa alaaf dhiyeessuun barbaachisaadha.
Itiyoophiyaan imala badhaadhinaa karoorfatte milkeessuuf pirojektooti biyyaalessaa jalqabde bu’aa gaarii fiduu eegalaniiru.
Adeemsi meeshaalee dheedhii qofa erguu gara oomishaalee sonni itti dabaluun gabaa addunyaaf dhiyeessuutti taasifamu cimee yoo itti fufe, Itiyoophiyaan dorgommii sadarkaa ardii fi addunyaatti qabdu mirkaneessuudhaan galma badhaadhinaa jalqabde bu’uura cimaa irratti akka ijaarrattu gaaffii hin qabu.
#Ethiopia #MootummaaIdaamuu
Yoonaas Geetinnatiin