Imala guddinaa Itiyoophiyaa waantoota lakka’amaniin agarsiisuun barbaachisaadha- Pireezidaanti Taayyee

Finfinnee, Fulbaana 26, 2019 (FMC)- Imala guddinaa Itiyoophiyaa waantoota lakka’amaniin agarsiisuun barbaachisaadha jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Pireezidaanti Taayyeen haasawaa baniinsaa Manneen Maree lameennirratti taasisaniin, hojiileen waggoottan darban diinagdee Itiyoophiyaa guddisuuf eegalaman bu’uura cimaa qabaachuu kaasaniiru.

Sirni qonnaa Itiyoophiyaa akka fooyya’uu meekanaayizeeshinii babal’isuu, jallisii fooyyeessuuf, indaastirii oomishaa guddisuuf hojileen eegalaman cimanii itti fufuu qabu jedhan.

Tajaajiloota damee hawaasummaa, diinagdee fi kanneen biroon jiran caalmaatti babal’isuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Fayyadamummmaa bishaanii, elektirikii fi inshuraansii fayyaa guddisuunis dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadaniidha jedhan.

Akkasumas tajaajila giddugalaa tokkoo (Masoob), guddisuuf xiyyeeffannon kennamuu akka qabu dubbataniiru.

Dameen Haqaa biyyattii caalmaatti ammayya’uu akka qabuus eeraniiru.

Pireezidaanti Taayyeen yaadonni Maree biyyaalessaan dhiyaatan hojiirra akka oolaniis hubachiisaniiru.

Mootummaan karoora tarsimaawaa waggoota kudhanii baasee hojiira oolchaa jiruun, yaadama hundagaleessa hordofuu, galii biyyaa kessaa guddisuu fi hojii qixa barbaadamuu fi kaka’uumsa olaanaan raawwachuun murteessaadha jedhan.

Dandeettiin raawwachuu seektaraalee guddachuu fi dachaan dabaluu akka qabus himaniiru.

Guddinni magaalootaa dameelee garaagaraan eegale guutuu biyyattitti babal’achuu akka qabu eeraniiru.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment