Finfinnee, Hagayya 9, 2018 (FMC) – Jilli diyaaspooraa Itiyoophiyaa dhaloota lammaffaa Kaanaadaarraa maatii isaanii hammate daawwannaaf Finfinnee galaniiru.
Jilli miseensoota 120 of keessa qabu kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Tajajaila Diyasapooraa Itiyoophiyaan simatamaniiru.
Jalqabbiin akkasii diyaasporaa seenaa, aadaa fi eenyummaa Itiyoophiyaa waliin walitti fiduuf faayidaa guddaa qaba.
Gareen kun turtii baatii tokkoo Itiyoophiyaa keessatti qabaatuun waljijjiirraa aadaa fi beekumsa biyyaalessaa irratti muuxannoo kan qooddatan ta’uun eerameera.
Qindeessaan jilichaa Ashannaafii Girmaa akka jedhanitti, gareen kun yeroo Itiyoophiyaa keessa turu keessumaa muuxannoo kubbaa miilaan qabudargaggoota Itiyoophiyaaf qooduun, akkasumas isaan irraa barachuun yeroo isaa dabarsa.
Kana malees, aadaa fi seenaa Itiyoophiyaa kallattiin barachuu fi muuxannoo qoddachuun, akkasumas walitti dhufeenya biyya isaanii waliin qaban cimsuuf gargaara jedhan.
Miseensonni jilichaa gama isaaniin, turtii isaaniin aadaa fi seenaa Itiyoophiyaa akkasumas muuxannoowwan haaraa argachuu fi barachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Imalli garee diyaaspooraa dhaloota lammaffaa kun seenaa, aadaa fi eenyummaa biyya isaanii waliin qaban walitti dhufeenya qaban daran kan cimsu ta’a jedhameera.
Akkasumas, Diyaaspooraa Itiyoophiyaa gidduu walitti dhufeenya waloo, michummaa fi tumsa cimsuuf riqicha dippilomaasii uummataa irraa gara uummataatti ijaaruuf gumaacha qabaachuun ibsameera.
Jamaal Ahimaditu gabaase.