Indaastirii Omishaa: Badhaadhina Itiyoophiyaa Mirkaneessuuf

Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Falaasamni Ida’amuu humna biyya keessaa qindeessuun, milkaa’inoota darban itti fufsiisuun, dogoggora mudatan sirreessuun guddina diinagdee guutuu fi waaraa fiduu irratti kan xiyyeeffatedha.

Akka yaadama kanaatti, dameewwan ce’umsa diinagdee biyya tokkoof murteessoo ta’an keessaa indaastiriin omishaa isa ijoo dha.

Muuxannoon guddaan Mootummaan Ida’amuu damee omishaa irratti beeksise, sochii biyyaalessaa “Itiyoophiyaan Ni Oomishti” jedhuu dha.

Sochiin kun gufuuwwan damee indaastirii adda baasuun, qaamolee dhimmi ilaallatu qindeessee bu’aawwan hedduu galmeessiseera.

Omishaalee huccuu fi uffataa, simintoo, sibiilaa, nyaataa fi dhugaatii akkasumas qorichaa, kanaan dura baasii sharafa alaa olaanaan biyya alaa irraa kan galan, humna biyya keessaa cimsuun biyya keessatti akka oomishaman godheera.

Dabalataanis, hanqinoota bu’uuraalee misoomaa fi meeshaalee dheedhii garaagaraa irraa kan ka’e, warshaaleen hedduun dandeettiin omishaa isaanii gadi bu’ee ture gara humna guutummaan omishuu isaan dandeessisutti akka deebi’aniif deeggarsi qindaa’aan taasifameera.

Yaadama Ida’amuutiin, indaastiriiwwan bittinnaa’an ijaaruu irra, giddugala tajaajilaa fooyya’aa fi bu’uuraalee misoomaa qaban keessatti, paarkota indaastirii fi zoonota dinagdee addaa qindeessuun xiyyeeffannoo addaa argateera.

Paarkonni indaastirii invastimantii alaa hawwachuun, dabarsa teeknooloojii fiduu fi oomishaalee gara gabaa idil-addunyaatti ergaman baay’isuun galii sharafa alaa guddisaa jiru.

Babaldhina indaastiriiwwan kanaatiin dargaggootaa fi dubartootaaf carraan hojii uumameera.

Qonna indaastirii waliin walitti hidhuuf paarkota agro-indaastirii walitti hidhamiinsa uumuuf ijaaramanitti fayyadamuun, oomishaalee qonnaa biyya keessaa irratti sonni dabalamee gabaa biyya keessaa fi alaa akka dhiyaatan taasifameera.

Falaasamni Ida’amuu indaastiriin omishaa hirmaannaa damee dhuunfaa cimaa malee guddachuu akka hin dandeenye ni amana. Kanaafuu, damee dhuunfaa cimsuuf tarkaanfiiwwan caasaa fi imaammataa fudhateera.

Isaan keessaa, damee indaastiriif dursa kennuun dhiyeessii liqii fi sirna ramaddii sharafa alaa fooyyeessuuf carraaqiin taasifameera.

Sirnoota hayyama daldalaa, gumurukaa fi gibiraa teeknooloojii dijitaalaatiin deeggaruun, naannoo daldalaa invastarootaaf mijatu uumuuf hojiiwwan hojjetamaniiru.

Dhiyeessii anniisaa gahaa mirkaneessuuf pirojektoota akka Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa fi pirojektoota anniisa haaromfamaa irratti hojjetameera. Kana malees, filannoowwan Loojistiksii akka babal’atan ta’eera.

Hojiiwwan Mootummaa Ida’amuutiin hojjetaman, dameen omishaa Itiyoophiyaa meeshaalee dheedhii qofa dhiyeessuu irraa gara omishaalee sona dabalataa qaban dhiyeessuutti ce’uuf bu’uura kaa’aniiru.

Sosochiin “Itiyoophiyaan Ni Oomishti” fi babal’inni paarkota indaastirii, oomishaalee biyya alaa irraa galan biyya keessatti bakka buusuuf, akkasumas dhiibbaa sharafa alaa hir’isuuf gahee olaanaa taphataniiru.

Indaastiriin omishaa imala guddinaa fi ce’umsaa itti fufsiisuun carraaqqii badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf taasifamu milkeessuuf gahee olaanaa qabaata.

Malkaam Fiqaaduutiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment