Ingilaand Noorweey injifachuun gara xumura walkkaatti dabarte

Finfinnee, Adoolessa 4, 2018 (FMC) – Sagantaa tapha dorgommii waancaa addunyaa bara 2026 nuusa xumuraan Ingilaand Noorweey’n 2 fi 1n injifachuun gara walakkaa xumuraatti dabarteetti.

Gareen lamaanuu tapha idilee daqiiqaa 90 keessatti 1 fi 1n qixa waan xumuraniif gara yeroo dabalataatti cehaniiru.

Kanaanis Ingilaand galchii lammaffaa waan galchiteef dabaruu dandeessetti.

Ingilaand walakkaa xumuraan Arjantiinaa fi Siwiizerlaand keessaa kan injifatuun wal morkatti.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment