Finfinnee,Waxabajjii 24, 2018 (FMC) – Tapha mo’anii darbuu Waancaa Addunyaa galgala kana taphatameen Ingilaandii DR Koongoo injifachuun marsaa itti aanuuf dabarte.
Ingilaandi galchii 2 fi 1’n Rippaablika Diimokiraatawaa Koongoo injifachuun tapha mo’anii darbuu marsaa itti aanuuf gahuu mirkaneeffatte.
Harii Keen galchiiwwan lamaan injifannoo Ingilaandii goonfachiisan galcheera.
B. Cipenga galchii tokkottii Koongoo injifatamuu jalaa hin baraarre galcheera.
Ingilaandi biyya 8ffaa tapha mo’anii darbuu itti aanuuf dabarte taateetti.
Ingilaandi tapha nuusa xumuraaf darbuuf Meeksikoo waliin taphatti.
#Oromia #Ethiopia