Finfinnee,Waxabajjii 16, 2018 (FMC) – Tapha Waancaa Addunyaan har’a morkiin Ingiliiz Gaanaa waliin taasiftu ni eegama.
Tapha kana dursee halkan sa’aatii 2:00 eegalee Poorchugaal Uzbeekistaan waliin taphatti.
Tapha jalqabaan Poorchugaal Rippaablika Diimokiraataawaa Koongoo waliin qixa bahuun kan yaadatamuudha.
Uzbeekistaan ammoo Kolombiyaan injifatamtee turte.
Halkan sa’aatii 5:00 jalqabee morkiin Ingiliiz Gaanaa waliin taasiftu ni eegama.
Tapha jalqabaan Gaanaan Paanamaa, Ingiliiz ammoo Kirooshiyaa injifachuun kan yaadatamuudha.
Gareen tapha kana injifate marsaa moo’anii darbuu gahuu mirkaneeffata.
Halkan sa’aatii 8:00 eegalee Paanaamaan Kirooshiyaa waliin yoo taphattu gara barii sa’aatii 11:00 jalqabee Kolombiyaan Rippaablika Diimokiraatawaa Koongoo waliin taphatti.
#Oromia #Ethiopia