Invastaroota hedduu horachuuf haala mijataa uumuun danda’ameera- Biiricha

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC)- Rakkoowwan invastimantiirratti mudachaa turan hiikuun invastaroota hedduu horachuuf haala mijataa uumuun danda’ameera jedhe Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa.

Biirichi mata duree “Ce’umsa Intarpiraayizootaa Olka’iinsa Biyyaaf”jedhuun, marsaa 16ffaaf Intarpiraayizoota ulaagaa ce’umsaa guutan kuma 1fi195 gara guddattuu gidduugaleessaatti (Invastimantiitti) ceesiseera.

Intarpiraayizonni kunneen warreen kaappitaala waliigalaa Birrii biiliyoona 3.779 galmeessisan ta’uun himameera.

Hoogganaan Biirichaa Injinar Eebbaa Garbaa wayita kana, intarpiraayizoonni guddina biyyattii keessatti gahee isaanirraa eegamu akka bahataniif mootummaan deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan kanaan dura rakkoowwan invastimantiirratti mudachaa turan hiikuun invastaroota hedduu horachuuf haala mijataa uumuu kaasaniiru.

Sagantichi bakka hoggantoonni olaanoon mootummaa fi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon argamanitti Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Naa’ol Amsaaluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment