Israa’elii fi Ameerikaan bu’uuraalee misooma Anniisaa Iraan haleelaan

Finfinnee, Bitootessa 15, 2018(FMC) – Israa’elii fi Ameerikaan bu’uuraalee misooma Anniisaa Iraan Isfahaanii fi Kooraamshaahir jedhaman irratti haleellaa raawwatan.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi bu’uuraalee misooma Annisaa Iraan haleeluuf yeroon akeekkachiisaa kennan guyyoota shaniif dheerachuu erga beeksisanii sa’aatiwwan muraasa booda haleellaan kun raawwatamuu gabaafame.

Haleellaa Buufata Annisaa Isfahaanii irratti raawwatameen gamoon bulchiinsa gaazii uumamaa naannawichatti argamuu fi buufanni to’annoo dhiibaa Gaazii miidhamuu ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun haleellaa bu’uura misoomaa Kooraamshaahir irratti raawwatameen ujummoon daddabarsa gaazii uumamaa midhameera.

Haa ta’uutii haleellaa bu’uuraalee misooma anniisaa lamaan irratti raawwatameen miidhaan hamaan kan hin geenyee fi naannawaa lamaanitti dhiyeessiin anniisaa adda kan hin cinne ta’uu Anaadooluun miidiyaalee Iraan wabeeffachuun gabaaseera.

Haleellichaan booda Iraan tarkaanfii deebii fudhatteen Magaalota Israa’eel Neegeev, Diimoonaa, Teel Aviiv fi Eeliyaat, akkasuma bu’uuraalee Waraanaa Ameerikaa Giddugala Bahaatti argaman haleeluu Warraaksi Eegaa Iraan beeksiseera.

Haleellaa Iraan raawwatte kanaan gamoowwan manneen jireenyaa Magaalaa Teel Aviivitti argaman irra miidhaa olaanaan qaqqabuu fi namoonni 6 madaa’uu Ministeerri Fayyaa Israa’eel ibseera.

Mikiyaas Ayyaalaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment