Itiyoo Telekoom godina Baalee fi Magaalaa Roobeetti tajaajila lammuummaan deggersa Birrii Miliyoona lamaa olii kenne

Finfinnee, Qaammee 1, 2018(FMC) – Itiyoo Telekoom Distiriiktiin Kibba Kibba bahaa Tajaajila lammummaa ganna kanaatiin deggersa birrii miiliyoona lamaa olitti tilmaamamu harka qalleeyyiif gumaacheera.

Deggersi kennames harka qalleeyyii fi maanguddoota nama isaan gargaaru hin qabneef aanaalee godinichaa Gobbaa fi Sinaanaa fi Magaalaa Roobee irraa filatamaniif.

Daayirektarri Riijinii  Kibba bahaa Awwal Abubakar, Itiyoo Telekoom tajaajila Teelee kominikeeshinii qulqullinnaan hawaasa biraan gahuun cinaatti; Kaayyoo Itoophiyaa Dijitaalessuu milkeessuu fi dhimmoota hawaasummaa irrattis deeggarsa namoomaarratti xiyyeeffate aantummaan hojjachaa jiraachuu dubbatan.

Deggersa harka qalleeyyiif kenname kanaan alattiis, Barattoota Abdii Boruutiif Meeshaalee barnootaa Barattootaaf gumaachuu himaniiru.

Hojjattoonni dhaabbatichaa “Dhiiga deebi’u kenninee; Lubbuu hin deebine haa baraarruu!” ergaa jedhuunis dhiiga yuniitii 15 arjoomuusaanis ibsaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Godina Baalee Obbo Muktaar Maammiyyaa deeggarsa dhaabbatichi kenneef galatoomfachuun, dhaabbileen misoomaa biroos hojii eebbifamaa akkanaarratti akka hirmaatan dhaamaniiru.

Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Roobee Obbo Jamaal Abbaagaroo gama isaniin, aadaa fi duudhaa wal gargaarsaa abbootii keenyarraa dhaalle kana cimsinee itti fufsiisuun dirqama hunda keenyaati jedhan.

Maatiin Barattootaa fi Maanguddoonni deeggarsi kun isaaniif kennames deeggarsa kanaaf galateeffataniiru.

Olyaad Ahmad’tu gabaase.

#Oromia #Oromia

Comments (0)
Add Comment