Finfinnee, Onkololeessa 13, 2019 (FMC) – Piroojektiin Magaci, Piroojektii eegalamee barootaaf hafe Piwaaluuguun akkan irra deebiin eegalu na kakaase jedhan Pireezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahaammaan.
Pireezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahaammaan har’a Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin ta’uun Magaala Goondar daawwachuun Piroojektii Hidha Jallisii Magaci eebbisiisaniiru.
Pireezidaantichi wayita kana haasawa taasisaniin, Sosochii misoomaa Itiyoiphiyaa fi hoggansa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dinqisiifataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad Piroojektii barootaaf harkifatee ture magaci irra deebiin lubbuu akka horatu gochuun eebbaaf qaqqabsiisuun isaanii anis Piroojektii eegalamee hafe Piroojektii jallisii fi anniisaa Piwaaluuguu akkan irra deebiin eegaluu hamilee natti hore jedhan.
Hoggantoonni duraanii biyyoota Afrikaa bilisummaa Ardichaaf wareegama kaffaluu isaanii eeruun, hoggantoonni har’aa ammoo diinagdee ummataa ceesisuun badhaadhina mirkaneessuuf itti gaafatamummaa qabaachuu hubachiisan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa