Itiyoo Telekoom Meeshaalee Barnootaa Birrii Miiliyoona 100 fi miliyoona13.3 Olitti Tilmaamamu deggersaa kenne

Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) — Itiyoo Telekoom barattoota manneen barnootaa guutuu Itiyoophiyaa deeggarsa barbaadaniif dabtara barnootaa deggersaan kenneera.

Sagantaa deeggarsaa kana kan jalqabsiisan, Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Telekoom, Firehiwat Taammiruu, barattoota manneen barnootaa biyyattii keessaa kan filataman barattoota deeggarsa barbaadan kuma 100 fi kuma 5,496f dabtara barnootaa miliyoona 1 fi kuma 200 kuma 65 fi 952 deeggarsi taasifamuu ibsaniiru.

Itiyoo Telekoom mata-duree “Abdii Boruuf” jedhuun sagantaa qopheesseen, arjoomni dabtara barnootaa bara haaraa kun baasii Birrii miiliyoona 100 fi mil13.3 ol gaafachuu ibseera.

Deeggarsi kun hanqina meeshaalee barnootaa irraa kan ka’e barattoonni barnoota isaanii irraa akka hin hafneef abdii fi jajjabina kennuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Odeeffannoon dhaabbatichaa akka mul’isutti, Itiyoo Telekoom waggoota torba walitti aanan keessatti barattoota kuma 400 fi kuma 83 ol ta’aniif, baasii Birrii miiliyoona 400 fi miliyoona 34.1 ol baasuudhaan deeggarsa dabtaraa kenneera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment