Itiyoophiyaa Antaaliyaatti Iftee Mul’atte

Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan Turkiyyee, Antaaliyaatti waltajjii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii (COP31) irratti hirmaachaa jirti.

Mata duree “Jecha Caalaa gara Hojii fi Raawwiitti Ce’uu” jedhuun waltajjii kaleessa jalqabame kana irratti paaviiliyoonii banuun milkaa’inaafi muuxannoo ishee biyyoota biroof qoodaa jirti.

Paaviiliyooniin Itiyoophiyaa kun, Ashaaraa Magariisa dabalatee, jijjiirama qilleensaatiif deebii qabatamaa kennuun milkaa’inaafi muuxannoo galmeessite dhiyeessuu bira darbee, bakka bu’oota biyyoota garaagaraa, dhaabbilee idil-addunyaafi ogeessota adda addaa waliin mari’atamaa jira.

Kana malees, Itiyoophiyaan misooma anniisaa haaromfamaa irratti milkaa’ina olaanaa galmeessite paaviiliyoonii Antaaliyaatti banteen daawwattootaaf dhiyeessaa jirti.

Biyyi kun misooma anniisaa haaromfamaa irratti milkaa’ina addunyaaf fakkeenya ta’u galmeessuun, indaastiriiwwan ishee anniisaa faalama geessisuu irraa gara anniisaa haaromfamaatti ceesisuuf hojii hojjechaa jirtu agarsiisaa jirti.

Itiyoophiyaan indaastiriiwwan ishee qofa osoo hin taane, sirna geejjibaa ishees guutummaatti gara sirna elektirikiitti ceesisuuf imaammataafi bu’uura seeraatiin deeggaramuun tarkaanfii fudhachaa jirti.

Konkolaattota boba’aa fayyadaman gara biyyaatti galchuu dhaabuun, konkolaattota elektirikii karaa gibira irraa bilisa ta’een akka galan jajjabeessuun, faalama qilleensaa sababa gaasotaan uumamu hir’isuuf tarkaanfii murteessaa fudhatame ta’uu agarsiisa.

Qabeenyawwan hawwattiota tuurizimii biyya keessaa garaagaraa fi ambaalee seenaa durii fi qabeenya uumamaa ishee kan ibsan, kanneen akka bunaafi Luusii daawwattootaaf dhiyeessuun, paaviiliyooniin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa ba’achaa jira.

Itiyoophiyaan waggoota shanan darban keessatti Finfinnee wiirtuu hawwata turizimii konfiraansii taasisuuf hojiiwwan misooma koriidariifi bu’uuraalee misoomaa hojjetaman bu’aa olaanaa argamsiisaniiru.

Keessumaa, damee turizimii konfiraansii irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan misoomaa hojjetaman, galmawwan walga’ii sadarkaa idil-addunyaa eeganii, hoteelotaafi riizoortiiwwan Itiyoophiyaan waltajjii konfiraansii qilleensaa COP32 milkaa’inaan keessummeessuuf kan dandeessisan qopheessuuf gumaachaniiru.

Waltajjiin kun Itiyoophiyaan sagantaalee dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf gargaaran cimsuun, misooma waaraa guddisuuf tattaaffii itti jirtu addunyaatti beeksisuuf carraa uumeera.

Kana malees, hojiiwwan misooma waaraa dameewwan garaagaraan hojjetaman anniisaa haaromfamaa irratti kan hundaa’an ta’uu addunyaatti agarsiisuuf ni gargaara.

Akkasumas, invastaroota, qorattoota jijjiirama qilleensaa, qopheessitoota imaammataafi bakka bu’oota biyyoota garaagaraa waliin mari’achuun, carraawwan invastimantii beeksisuuf waltajjiin kun gahee olaanaa qaba.

Itiyoophiyaan biyya keessummeessituu COP32 ta’uu isheen, qophii addunyaa irratti xiyyeeffate kanaan walqabatee mariiwwaniifi sagantaalee cinatti gaggeeffaman qopheessuun, muuxannoo, hojimaataafi yaadota qophiif galtee ta’an waljijjiiruuf carraa ni uuma.

Waltajjiin Antaaliyaa kun Itiyoophiyaan dameewwan garaagaraatiin bu’aa kan irraa argattuufi qophii COP32 ishee keessatti muuxannoo barbaachisaa kan irraa horattuudha.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa #COP32_Itiyoophiyaa #FanaMediaCorporation

Tewodiroos Saahileetiin

Comments (0)
Add Comment