Kantiibaa Adaanech Abeebeen mootummoota Gamtoomaniitti daayrektera olaantuu‘Habitat’ Anaaklaawudiiyaa Roosbaak waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen mootummoota Gamtoomaniitti daayrektera olaantuu dahoo lubbu qabeeyyii‘Habitat’ Anaaklaawudiiyaa Roosbaak waliin mari’ataniiru.

Qamooleen lamaan tumsa misooma magaalaa cimsuuf waliigalteera gahaniiru.

Akkasuma badhaasa misooma magaalota itti fufiinsa qabuu fi beekamtii magaalaa ismaartii Finfinneen argatte, Guyyaa Magaalota Addunyaa bara dhufu Finfinneetti kabajuuf qophii taasifamu irratti xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii Kantiibaa Adaanech ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin kaasaniiru.

Dabalataan waliigaltee tumsa dhiheenya mallattaa’e hojiirra oolchuuf sirna raawwii fi hordoffii waloo diriirsuu, akkasumas pirojektoota dursi kennamuuf qaban adda baasuun irrattis mari’ataniiru.

Tumsi UN-Habitat Finfinneen COP32ffaa keessummeessuuf qophii taasisaa jirtu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Kantiibaa Adaanech eeraniiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment