Itiyoophiyaa fi Jaappaan waliigaltee misooma Ruuzii ammayyeessuuf dandeessisu mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 20, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Jaappaan misooma Ruuzii ammayyeessuuf waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 75 mallatteessaniiru.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahima Shiidee fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shiibaataa Hiiroonooriin waliigalticha mallatteessaniiru.

Dameen Qonnaa ce’umsa diinagdee, wabii midhaan nyaataa fi badhaadhina baadiyyaaf qooda olaanaa qabaachuu obbo Ahimad Shiideen himaniiru.

Oomishtummaa guddisuun, jireenya lammiilee fooyyeesuu fi ce’umsa Teeknooloojii qonnaa saffisiisuuun dhimmoota ijoo dursi kennameefii irratti hojjetamaa jiru ta’uu wayita waliigaltichaa dubbataniiru.

Waliigalteen taasifames hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf murannoo waloo jiru kan agassiisu akka ta’e kaasuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment