Itiyoophiyaafi Baankiin Addunyaa tumsa qaban cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) – Jilli Itiyoophiyaa Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyiin durfamu Baankii Addunyaatti Pirezidaantii Ittaanaa Naannawaa Baha Afrikaa Niidiyaamee Diyoopi waliin mari’ateera.
 
Jilichi walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaafi Baankii Addunyaa Taayilaand Baankookitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.
 
Qaamoleen lameen marii walga’icha cinaatti gaggeessaniin, tasgabbii diinagdee gooroo itti fufsiisuu dabalatee hammattoo tumsa biyyaalessaa Baankii Addunyaan dhimmoota yeroo itti aananitti dursi kennamuuf irratti mari’ataniiru.
 
Dabalataanis dirree dorgomtummaa damee dhuunfaa bal’isuufi daldala al-ergii guddisuu, misooma humna namaa akkasumas jijjiirama qabeenya qilleensaaf sirna qonnaa cimsuun dameewwan tumsaa dursi kennamuuf ta’uu eerameera.
 
Itiyoophiyaan tumsa cimaa baankicha waliin qabdu itti fufsiisuuf haala danda’amurratti mari’achuus ragaan Baankii Biyyaalessaarraa argame ni mul’isa.
 
Qaamoleen lameen bu’aalee qabatamaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan galmeessisuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Comments (0)
Add Comment