Finfinnee, Guraandhala 3, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan dorgommii Atileetiksii Idil Addunyaa qopheessuuf humna guutuu qabdi jedhan Daayrekterri Olaanaan Atileetiksii Addunyaa Piirsi Oklaagaan.
Daayrekterri Olaanaan Atileetiksii Addunyaa Piirsi Oklaagaan har’a Finfinnee dhufuun kan yaadatamuudha.
Daayrekterichi Istaadiyeemii Atileetiksii Idil Addunyaan beekamtii argate Tiraakii shaakalaa Istaadiyeemii Idil Addunyaa Aday Ababaa daawwataniiru.
Itiyoophiyaan dorgommiiwwan sadarkaa Ardii fi Idil addunyaa qopheessuuf ga’umsa guutuu qabaachuu dubbatan.
Atileetiksii Itiyoophiyaa gara olka’iinsaatti fiduuf deeggarsaa fi hordoffii hundagaleessa kan taasisan ta’uus mirkaneessaniiru.
Yeroo itti aanu Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa Atileetoota ga’umsa qaban horachuu fi Teeknooloojii Ispoortii babal’isuuf cimee hojjechuu akka qabu yaadachiisan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.