Finfinnee, Caamsaa 8, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaan Itiyoophiyaan dorgommii fiigicha tarkaanfii kiiloomeetira 20’n koorniyaa lameeniin meedaaliyaa warqee lama argatte.
Dorgommii fiigicha tarkaanfii kiiloomeetira 20 dhiirotaan Atileet Misgaanaaw Waaqumaa injifachuun Itiyoophiyaaf meedaaliyaa warqee yoo argamsiisu Abdulsalaam Abdulwaahib 3ffaa baheera.
Dubartootaan ammoo Atileet Wubaalam Shigguxee yoo injifattu, Atileet Hiywat Ambaaw 4ffaa, Atileet Maaree Bitaw ammoo 8ffaa bahaniiru.
Warqinaa Gaashaahun’tu gabaase.
#Oromia #Ethiopia