Finfinnee, Caamsaa 25, 2018 ( FMC) – Itiyoophiyaan filannoo dimookiraatawa biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’e filachiifteeti.
Filannoo kanaaf dursa filattoonnii miiliyoona 54 ol ta’an galmaa’anii hedduun sagalee isaanii kennaniiru.
Hirmaannaan uummataa baay’inaan mul’ate kun adeemsa dimookiraasii keessatti tarkaanfii guddaa akka ta’e amanama.
Guyyaa filannoo, lammiileen naannolee garaagaraa irraa buufataalee filannoo isaanii irratti argamuun sagalee isaanii kennaniiru.
Filattoonni hedduun mirga isaanii fayyadamuusaaniin gammachuu isaanii ibsaniiru.
Dargaggoonni, dubartoonnifi qaamoleen hawaasaa garaagaraa hirmaannaa cimaa agarsiisaniiru.
Tajjabdoonni keessaa fi alaa adeemsa filannoo kana hordofan, qophiin taasifamefi hirmaannaan uummataa mul’ate raajii ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas filannoon kun hawaasni hiree isaa bilisaan murteeffachuu akka danda’u agarsiiseera jechuun yaada isaanii kennaniiru.
Filannoon nageenya, tasgabbiifi waliigaltee hawaasaa cimsuuf bu’aa guddaa akka qabus ibsaniiru.
Naannolee hedduutti filattoonni sa’aatii dheeraa hiriirarraa dhaabbatanii roobaafi aduun osoo hin dangeeffamiin sagalee isaanii kennaniiru.
Kunis murannoofi kutannoo lammiileen hirmaannaa adeemsa dimookiraasii keessatti qaban kan calaqqisiisu ta’uu hedduun raga bahu.
Filannoon kun hirmaannaa uummataa bal’aa, adeemsa nagaafi hojii qindaa’aa waliin kan filatameedha.
Hawaasni filannoo kanarratti jalqabaa hanga dhumaatti mirga heeraafi diimookiraasii qabutti fayyadamuun bu’aa ba’ii hunda dandamatee sagaleesaa bilisummaan paartii barbaadeef kennuun, uummata qaroomeefi ammayyummaatti amanu ta’uu addunyaatti agarsiiseera.
Gammachiis Taarikuutiin